Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

293: Yeroo beelawan soorata kaafiraa nyaatuun taatii?

Gaafii: Obboleettiin tiyya karaa Yamanii irraan gara biyya saudii kana osoo dhufuuf deemtu beeloftee nama waliin jiran waliin ganda wayiitti goranii nyaata nyaatanii eega nyaatan booda namni wayii yaadachisee nyaatni kun nyaata kaafiraati jedhee akkamii nyaatni sun?

 

 

 

Deebisaa: Nyaatni isaan nyaatan ka kiristootiif ka yahuudaa yoo ta’e humaa hin qabu. Rabbiin (SW) halaala nuuf godhee jira. Foon warri ahlulkitaab gorra’an, akka diiniin isaan ajaju sanitti gorraasaa beekamtuu saniin yoo gorra’an yoo hin hudhin yookan karaa biraatiin hin ajjeesin nyaata kiristoof yahuudaan gorra’an, fooni isaanii nyaatuun halaal. Yoo ammoo karaa saniin hin ta’in xiyyiitii fa’aan dhawuu, hudhuu fa’aa yoo ka taatu taate, yookaan gara gubbaa kanaan gorra’uu fa’a ka taatu taate suni haraama nyaachuun hin danda’amu.

 

 

Sheikh Abdurahman Shariif