header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

294: Dhiiraa fi dhalaan bilbilaan waliin haasawuu danda’uu?

Estimated reading time: 1 min

Dhiiraaf dhalaan yoo walqunnamtii ka godhan taate telefoonaan suraa walii erganii wajjiin haasawanii sani booda ufirraa dhiisanii wal fuudhuu ni danda’anii?

 

 

 

 

Haasofni arrabaan waan hamtuu yoo haasawan, waa’ee jaalala keessa darbanii yoo ka haasawan taate, haraama zinaadha jedhama. Gurraanillee yoo waan hamtuu dhageeffatan; waan akka sirbaatiifii haasawa jaalalaa, ijaanillee yoo qaama intalaa ka Rabbiin sattare san sitraa irraa fuudhanii ka ergan taate innillee zinaa ta’a. Garuu maanawiidha malee zinaan sun zinaa haqiiqaa hin ta’u. Maaliif jennaan, Rasuulli ? waan jedhan ijji zinaa gootii, gurri zinaa godhaa, arrabni zinaa godhaa, miilli zinaa godhaa cufti isaaniituu. Ijji zinaan isii laaluudhaa, gurri zinaan isa waa dhageeffatuudhaa, zinaan miilaallee itti deemuudhaa, zinaan arrabaallee waan hamtuu dubbatuudhaa. farjiidhatu dhugoomsaa jedha. Ka hukmiin shariyaa irraa argamulleen ka farjii sani. Hukmiin, yoo namni qaama saalaa lamaan, karaa haraamaatiin, karaa Rabbiin hin hayyaminiin, yoo wal qunnaman argama. Yoo ka farjii sun argame, intala zinaa fi gurbaa zinaa jechuun danda’ama. Yookaan kuun maanawiidha namni waan san dalage haraama dalagee garuu ka farjiitiin wal hin qixxaawu. Yoo isaan, waan hamtuu wajjiin haasawan san irraa toowbatanii, gama Rabbii isaanii deebi’anii ka walfuudhan taate. humaa rakkoo hin qabu….

 

 

Sheikh Abdurahman Shariif

 

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 744

Kanas dubbisi!

295: Namni rahiimummaa mure akkami
290: Nama of ajjeese irratti salaatuun taatii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button