Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

330: Nama haraama dalagu kaddamuun hayyamamaa?

Gaafii: Nuti warra tokko kaddamnaa shaayiif buna jedhaniitiin nu qaxaratanii baadiyaa Arabaa kana keessatti, dhufanii dukkaana dhaabbataniiti achitti waan adda addaa oofanii shiishaa jetta moo ,dubartii fidatan jetta moo waan adda addaa kanaan fitnaa keessa nu kaayanii jiranii nuti waan kana duraanii hin beeynuu shaayiif buna jedhanii achitti kanaan qaxaramnee amma yoo osoma arginu jarri dubartii haraamaa fidatanii achitti waan haramaa dalagaa jiran yoo dubartii tanallee nu kaddamsiisan malli keenya maalii?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Guyyaa mitii halkan keessaa baqadhu bakka san. Rabbi (SW) rizqii halaala ni qaba. Osoo beeytu dallansuu Rabbiitiifii bahara ibiddaa keessa hin rafin, bahara ibiddaa keessa hin bulin. Horiin sunillee ibidda, jiruun ati keessa jirtullee ibidda, haga dallansuun Rabbii, bakakkaan Rabbii irraa sitti hin bu’in baqadhu bakka san. Argutti jirtaa beekutti jirtaa. Haraamaaf maasiyaa irratti wal hin gargaarinaa jedha Rabbiin guddaan. Kanaafuu gurbaa haraamaatiif intala haraamaa wanni kaddaman hin jiru. Hattuu haraamiyyootaa wanni gargaaraniif hin jirtu yaa obboleessa aakiraa.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa