Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

333: Dhiqannaan dhiiga aadaa akkami?

Gaafii: Akkami dhiqannaan aadaa irraa dhiqatanii?

 

 

 

Deebisaa: Namni silaa xuriidhaaf dhiqatu haga qaamni isaa bahu dhiqata. Garuu namni janaabaa irraa dhiqatu, intalti aadaa irraa dhiqattu, rifeensa mataa isaaniitiif qaama isaan osoo hin dhiqanne dura ni wudu’atan. Wudu’a eega godhatanii booda eegasii bismillaah jedhanii waan irraa dhiqachuu deeman san, ta aadaa taate moo ta janaabaa, niyyatanii bishaan mataa irratti sadi naqatan. Eega mataa rifeensa quubsanii ka’an booda gara mirgaa irraa jalqaban. Eegasii qaama hunda  waliin gahatan. Yoo wudu’nii isaanii ka duraa, lafti bakka najisaa fa’a taate, miila booda hambifatanii dhiqatan. Yookaan walumaan guututti dhiqatanii jechuudha.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa