Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

338: Ruku’arratti salaata dhaqqabachuun akkam?

Gaafii: Yoo salaata ruku’a irratti dhaqqabadhe akkamii?

 

 

Deebisaa: Yoo ruku’a irratti dhaqqabatte rakkoon hin jiru. Faatihaa dhaqqabachuu baattullee, osoo inni oli hin jedhin yoo dhaqqabatte rakkoon hin jiru. Namni salaata walakkaa irratti dhaqqabate, akkuma imaamni jiru sanitti, yoo imaamni attahiyyaata irra jiraate attahiyyaatuu waliin ta’aa. Garuu bakki inni salaata irraa hisaabbachuu jalqabu dhaabbii imaamaa irraahi. Yoo fakkeenyaaf attahiyyaatuu maayii irratti dhaqqabatte humaa hin dhaqqabannee salaata kee guutumatti ka’ii salaati. Garuu imaamaa attahiyyaata irratti dhaqqabachuuf sawwaaba salaata jama’aa argatta.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa