header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

341: Hajjii namni deemuu fedhu, bakka kamirraa harramata?

  • Home
  • Hajjii
  • 341: Hajjii namni deemuu fedhu, bakka kamirraa harramata?
Estimated reading time: < 1 min

Hajjii deemuu feenaa eessarraa harramu qabnaa suudii irraa fagoo jirraa, akka nuuf qopheeffametti yalamlamii, yalamlamii sani irraa ji’a tokko dura ji’a hajjii saudii waan seenuu feenuuf achumarraa harramuu qabna moo dura Makkaan seennee warra makkaa taanee achirraa harramuu qabnaa?

 

 

 

Deebisaa: Yoo niyyaa hajjiitiin ka manaa baatan taate isin warruma hajjiiti malee warra Makkaa ta’uu hin dandeessan. Yalamlamuma baantu san irraa harramuu qabdan. Hajjiin baaba sadi qabdi jenne. tokko ka hajji fi umraa walitti qabatanii qiraana jedhamaa, tokko tamattu’a jedhamaa, tokko ammo hajjii ifraadaa jedhama. Ka irra caalu ammoo ka tamattu’aa san. Garuu yoo karaa deemaa dhuftan bakka itti harramattan bira dabruun barbaachisaa miti.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 145

Kanas dubbisi!

419: Obboleettiin tiyya anaafii dhiirsa kiyya wajjiin hajjii godhuu ni dandeettii?
335: Hajjiin akkamitti harramatan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button