header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

358: Suuraa wolii erganii wol laallachuun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii:namni kun yeroo boodaa tana kheeysatti suuraa wolii ergee wol ilaallachuudhaaf wol gaafata akkanatti suuraa wolii erguun suni akkam?

 

 

 

 

 

Deebisaa: hukmiin shari’aadhaa waa hundinuu rabbiin “maa farraqnaa fil kitaabi min sheey’i” qur’aana kheeysatti nuti waa takka hin dhiifne jedhe. Akkuma san nabiin ? nuu ibsanii. Akkaataa ilmi namaa tokko intala itti laallatu, akka intaltilleen gurbaa dhiiraa itti laallattunuu ibse. Suni maali? jarri bakka fakkaattutti wolitti dhufee fuula wol ilaallachu . maaliif suuraan tuni nama garii ni fokkifti, nama garii ni bareechiti , nama garii ni dulloomsiti , nama garii diqqaa gooti. meeqatu suuraa tanaan dagamee hogga wol arge sa sumaa!? ka woliin jedhu ta’e?. Ammallee akkuma san namni garii dhiirti suuraa dardarummaa erga ka ifii amata shantamii. Dhalaanis gariin ka umriin isii amata afurtamii suuraa gaafa dubrummaa isii ka amata diiydamii ergitiif . Kana waan ta’eef suuraadhaan hin dagaminaa. Yoo suuraa irratti ni guuttanna jettanii lafti teessan addaan fagaatte namni kun suuraa tiyya tana rabbi sodaata laalee bakka namni isa beeku ka waan tana nama kheeysa hin facaafne jettee amantii yoo irraa qabaatte erguufiin homaa hin qabu ammammoo irra fiinxeen hukmii shari’aadhaa waan namni suuraa tanaan dagamuuf jecha suuraa irratti qofa erkatuu irraa fagaatuutu gaari. Meeqaatu akkasitti wolii ergee booda hin taane, takkaayuu lakki ani suuraan tee na geeysee si fuudhuu hin fedhuu sitti qanani’uu fedha. Yoo nabira hin dhufne feesbuukii irrattin sii ergaa jedhee intala dhalaa kahaddalu nama keenyaa fi ka biraalle tahu rakkoon guddaan waan kanaan argamaa jira.

 

Dr. Luwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 291

Kanas dubbisi!

361: Sagaggaalummaan hukmii shari’aatti akkami?
354: Akka shari’aa islaamaatti qaadhimaan maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button