header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

382: Jaartii tiyya na jalaa hatanii yeroo dheeraa booda naaf deebite. deebifachuu dandahaa?

  • Home
  • Bultii
  • 382: Jaartii tiyya na jalaa hatanii yeroo dheeraa booda naaf deebite. deebifachuu dandahaa?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Yoo gurbaan tokko jaartii namaa hatee darbe ka yeroo dheeraa woliin jiraatanii inni deebise deebihuu ni dandeettii jaarsa duraatiif?

 

 

Deebisaa: Deebi’uu ni dandeessi. Dhugaadha dilii jirtu wojjiin, ma’siyaa jirtu wojjiin ka isiinillee silaa diduu malte haga humna isii, yoo humna isiitii ol ta’e immoo diliin silaa nama duraan hate san irra jira. Abbaan manaa garuu garaan isii qulqulluu tahuu mirkaneeffatee nikaahuma dura irraa qabu saniin deeffatuu ni danda’a jechu

Sheikh Alii Jimmaa

 

Ibsa Dabalataa: (intalti jaartii namaa taate tan karaa shari’aan hayyamuun nikaaha godhatte takka yoo butamte, ykn yoo fedhii isiitiin jaarsa biraa deemtee nama biroo wajji jiraachuu eegalte, nikaan duraa sun irruma jira. isiin isa biraa deemuu qofaan nikeenni irraa hin hiikamu. jiruun amma nama haaraya wajji jiraachutti jirtu tun jiruu zinaati. osoo nikaah duraa irraa hin buusin qaadiin fedhes nikaaha haaraya gochuu hin dandahu. yoo butamtee dirqiin mana namaa jiraatte, hanga humna isiitiin jalaa bahuudhaaf tattaaffii godhuu qabdi. qaama mootummaatiifi nama isii gargaaree rakkoo akkanaa keessaa isii baasuu dandayutti iyyachuu qabdi. yoo fedhinnaa isiitiin jaarsa jalaa baatee nama biroo wajji jiraachuu eegalte ammoo, jiruun akkanaa haraama. jalqaba nikaaha duraa ofirraa buusuu qabdi. yoo jarsa isii kan duraa wajji jiraachuu hin feenee, na hiiki jettee gaafachuu qabdi. yoo inni hiikuu dide ammoo Qaadii bira dhayxee ofirraa hiiksisuu qabdi. osoo nikaaha duraa ofirraa hin hiikin nikaaha haaraya hidhuun hin danda’amu.

Haaluma kamiinuu jaarsa biraa deemtee yeroo dheeraa fedhes nama biroo bira jiraattee yoo jaarsa isiitti deebite, yoo jaarsi isii fedhinnaa isii qabaate deebi’uufii ni dandeessi. nikaaha haaraya hidhuun hin barbaachisu. diliin hojjatamte gosa lama qabdi. yoo isiin fedhinnaa isiitiin jaarsa dhiistee nama biroo bira deemte, isiin dilooytuudha. Rabbii isii araarama kadhachuu qabdi. yoo biyya seera shari’aatiin bultu keessa jiraatte, dilii tanaaf ni ajjeefamti. yoo biyya seera shari’aatiin hin bulle keessa jiraatte, wanti isii irraa eeggamu gama Rabbii deebi’uu qofa. dhugaadhaan Rabbii isiitti deebitee dilii isii irraa tawbachuu qabdi. yoo dirqiin butamtee akka manaa hin baane godhamtee nama biroo wajji jiraataa turte ammoo, saniif diliin takkallee isii irra hin jirtu. dilaawaan nama isii dirqamsiisee hamtuu isii irratti dalagaa ture kana.

Yeroo deemtee nama biroo wajji jiraataa turte kanatti yoo ilmaan argattee, ilmaan isiin qabattee gara jaarsa isii kan duraa yoo deebite, ilmaan tun jaarsa isii kan duraa saniin hin yaamamtu. qabeenya isaatis dhaaluu hin dandeessu. kun cuunfaa fatwaa ulamaa’ii hedduuti)

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 4
Views: 1617

Kanas dubbisi!

387: Dubartii aadaa qabdu wojjiin rafuun maaliif haraam godhame?
381: Intalti dhalaa takka jaarsa isii diinsaa jibbitee na hiiki jetteen rakkina qabaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button