header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

409: Jum’aan Musaafiraaf Dirqamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii : Salaatni jum’aa nama musaafiraa irratti dirqamaa? takkaahuu salaata zuhrii ka guyyaa jum’aa san gabaabsuun ni ta’aa? akkasuma guyyaa juma’aa asriif zuhrii walirratti gabaabsanii jam’ii godhuun ni danda’amaa?

 

 

Deebisaa: Salaanni jum’aa nama musaafiraa irratti dirqamaa miti. Salaanni jum’aa  nama dhukkubsatu, nama Musaafiraa, Gabrootaa fii dubartii irratti waajibaa miti. Namni Musaafiraa kun yoo magaalaa keessa jiraate, magaalaa san keessatti yoo ummanni salaata jum’aa salaataa jiraate, ummatuma wajji Jum’aa salaatuu mirga qaba. gama birootiin Jum’aa dhiisee zuhriifi Asrii walitti qabee raka’aa lama lamaan salaatuu ni dandaya.

 

Gabaabinaan Namni Muraasifaa filannoo heddu qaba. Yoo fedhe salaata jum’aa ummata wajji salaatuu mirga qaba. yoo fedhe jum’aa ofirraa dhiisee zuhrii qofa raka’aa lamaan salaatuu mirga qaba. yoo fedhe ammoo salaata Zuhrii fi Asrii raka’aa lama lamaan jam’ii godhee salaatuu ni dandaya.

 

Sheik Abdurrahmaan Shariif

 

 

Salaanni Jum’aa Nama imaltuu deemurratti dirqamaa miti. Rasuulli (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) yeroo imaltuu irra jiran salaata Jum’aa fi salaata iidaatis hin salaanne. nama imaltuu deemuuf salaata gabaabsuun hayyamamee jira. Yoo ummata salaata jum’aa salaatutti jiru dhaqqabatee itti hidhatee salaate mirga guutuu qaba. wanti isa dhoorku hin jiru. yoo fedhe ammoo jum’aa ofirraa dhiisee zuhrii raka’aa lama salaata. yoo fedhe Zuhrii fi Asrii walitti qabee raka’aa lama lamaan salaatee imala isaa itti fufa. gama birootiin salaata Jum’aa ofirraa dhiisee, zihriillee booda aansee sa’aa Asrii irratti Zuhrii fi Asrii walitti qabee salaatuu mirga qaba.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 535

Kanas dubbisi!

410: Salaataaf iqaamaa godhuun dubartiidhaaf ni danda’amaahii?
396: eega fincaanee wudu’adhee salaata seene waan fincaan narraa bahan natti fakkaata
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button