Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

411: wayta olka’an ruku’aa fi sujuudarraa harka eessa kaayu?

Gaaffii : Salaatarraa wayta olka’an ruku’arraa yookiin sujuudarraa harka olfuudhan moo ufirraa gad rarraasanii?

 

 

 

 

 

 

 

Deebisaa : Harka olfuudhan. Rasuulli Rabbii ? harka ol fuudhuu bakka afur nu ajaje yookaan Rasuulli Rabbii bakka afuritti harka isaa ol fuudhe. Tokkoffaa salaata wayta hidhatan, lammaffaa wayta salaata ruku’aaf gadi bu’an, sadaffaa wayata ruka’arraa ol godhatan, arfaffaa wayta attahiyyaata tokkoffarraa ol ka’an. Wayta afran sani ergamaan Rabbii ? harka isaa ka ol fuudhu ta’e. harka ol fuudhuun sunnadha. Yoo wanti ati gaafatte harka yoo ruku’arraa ol jedhan ol fuudhan moo ni rarraasan ka jedhu taate; harka olfuudhani. Mas’alaa zamana kana ulamaa’iin saudiitiif sheekhi Albaaniin faati wal kilaafa godhan takka takkatu jira; wayta sami’allaah jedhan harka olfuudhan booda ni rarraasan moo qomarratti deebisanii. Sheikh Albaaniin fa’a wanni jedhan harka ni rarraasanii jedhan. Ulamaa’iin warra saudii wanni jedhan; lakki harka hin rarraasanii qomarratti deebisanii jedhani. Kun kilaafa ulamaa’ii jidduu jiruu. Wayta ruka’arraa ol jedhan harka olgodhatanii sami’allaahu liman hamidah jedhan.

 

Sheik Abdurrahmaan Shariif