header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

418: Salaatul janaazaa akkamitti salaatan?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Salaata janaazaa akkamitti salaatan?

 

 

 

 

Deebisaa: Yoo namni Muslimaa tokko du’e ummata Islaamaa hundarratti waa afurtu waajiba ta’a.

 

Tokkoffaa nama san dhiquu, Lammaffaan (kafanuu) woyaa hidhuufii. Sadaffaan salaatul janaazaa irratti salaatuu, Afraffaan Awwaaluudha.

 

Gabaabinnatti salaanni janaazaa takbiiraa afur qaba. “Allahu akbar” afur qaba. Ruku’aafi sujuuda tokkollee hin qabu.

 

Namni Salaatul Janaazaa salaatu Jalqabarratti “Allaahu Akhbar” jedhee salaatatti seena. takbiirama duraa keessatti suuraa Faatihaa qara’a.

 

Itti aansuun Takbiiraa 2ffaa “Allaahu Akbar” jedhee du’aa’ii itti aantu qara’a.

 

“Allahumma salli alaa  Muhammad, wa’alaa aalii Muhammad. kamaa salleeyta alaa Ibraahiim wa’alaa aalii ibraahiim, innaka hamiidun majiid. Allaahumma baarik alaa Muhammadin wa’alaa aali Muhammad, kamaa baarakta alaa Ibrahiim, wa’alaa aali Ibraahiim, innaka hamiidun majiid”

 

Ammas itti aansuun yeroo 3ffaatiif Allaahu Akbar jedhee, nama du’e saniif du’aa’ii godha.

 

 

Du’aa’ii asii olii tanaa fi di’aa’ii birootis itti dabalee qara’uu ni dandaya. eega du’aa’ii xumuree booda yeroo Afraffaatiif “Allaahu Akbar” jedhee, xiqqoo booda  “Assalaamu Aleykum Warahmatullaah” jedhee gama mirgaatti salaammatee xumura. yoo gama bitaattis salaammate mirga qaba.

 

Sheik Abdurrahmaan Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 1760

Kanas dubbisi!

434: Akka shari’aatti gabbarri akkam?
416: Ilmi obboleessa abbaa kiyyaa ajnabii naaf ta’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button