header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

434: Akka shari’aatti gabbarri akkam?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Ani horii si fuudhuun qaba malee horii gabbara warra keessanii kennu hin qabu akkam taana jedhee abbaan na fuudhuuf deemu sun  naa mari’atee, baasi horii gabbara warra keennaa anumatu sitti kennaa ati itti kennii woma haajaa gara kiyyaa qofa ati naa baasi jedheenii akkam jettan?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Dura gabbarri ni ta’a moo hin ta’uu wal gaafachutu dura. Gabbara wanni jedhamtu hin jirtu shariyaa Rabbii keessa. Abbaaniif hatillee waan isiiniin gammachiisani fudhachuun humaa hin qabu. Akkuma sani obboleessillee yoo jiraate yoo huma xiqqoo tokko ittiin gagammachiisan humaa rakkoon hin jiru. San ammoo warri hin murteeffatu. Warri gariin murteeffatinillee rakkoo hin qabu jedhanii garuu gabbara ammaan tana waan akkasii fidda looni hagasii fiddan jedhan kun daliilli tokkollee itti hin jiru. Abbaaf haati ammoo waani ittiin ta’abaniif waan guddisaniif waan gammachuu isaanii argachuu shariyaan hin dhoowwinee daliilli gariin numa jiraayyu. Garuu maqaa gabbaraatiin deeggara takkallee hin qabdu. Ammoo yoo waan warra keennaaf kennituuf warra keennaan gammachiiftu si gargaara jettee maqaa kanaan gargaarsa gooteef rakkoo hin qabu. Fuudha karaa halaalaatiin walfuudhu daddafanii karaa halaalaatiin akka wali fuudhan laaffisuuf irratti walii galtanii atis isa gargaartee innis waan danda’uun yoo si fuudhe rakkoon hin jiru.  Wal gargaarsaan karaan halaalaa banamuun shariyaan dhoowwaa hin qabu.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 196

Kanas dubbisi!

437: Nikaha dhossaan hidhachuun akkam?
431: Osoo jaartii halaalaa qabuu zinaa namni dalagu nikahni isaa akkam?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button