header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

438: Dubartootaan hijaaba uffadhaa jennaaniin didanii akkam goona?

  • Home
  • Dubartii
  • 438: Dubartootaan hijaaba uffadhaa jennaaniin didanii akkam goona?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Duri akkanumatti fooxaan wali biraa yaanaa dubartootaan akkasumatti walitti laaqamuun jirtii eega lafa araba dhufnee hijaaba baranne, hijaabni dubartillee kana jechuu barannee amma warra gandaa dubartoota keenna hijaaba uffisuuf yaadne hin didanii maal goonaa?

 

 

 

 

 

 

Deebisaa: Haga isiin diinii barattutti itti obsi hijaaba barsiisi. Yoo eega isiin barattee boodallee, obsa keetiin boodallee hagana siin hin jenne ji’a, torbaa, siin hin jenne itti obsii diinii Rabbii barsiisii fahamsiisi. Haga isiin barattu tokko tattaafadhu yeroo murtaawe tokko jechu. Yoo isiin wama hijaabaatuu natti hin dubbatin ani wama hijaabaatuu hin fudhadhuu jettee eega baratte booda ka diddu taate, sababuma hijaabaatiif sababaa isiin shariyaa Rabbii diddeefuu hiikuu dandeessa. Maaliif jennaan salaataafii zakaafii soomaafii hijaaba namni gargari baase waa takkallee inni diinii irraa wanni qooda qabu hin jiru. Rabbiin guddaan quraana keessatti diinii yoo fudhattan guutumatti fudhadhaa jedhe. Miila tokko keessa kaayanii miila tokko ala kaayuun hin jirtu. Salaata fudhatanii sooma  sooma fudhatanii hijaaba diduun hin jirtu. Kamtu samaawaatii bu’ee kamtu lafaa bahe. Martinuu samaawaatii gad dhufe. Amrii Rabbii aalamtootaati. Kanaaf Rabbiin guddaan Rasuulillee waan Rabbii guddaa biraa dhufe fudhatee amane mu’uminoonillee waan Rabbi biraa bu’e hundhaahuu ka adda hin qoodne fudhatanii amanan jedha Rabbiin guddaan. ka tokko fudhatee tokko didu ka wallaalumaa eega keessaa baafnee booda eega beekaa didan taate seera shariyaa keessatti waliin jireenni barbaachisaa mitii. Wanni isiin guyyaa qiyaamaa fuula Rabbii si dhaabduuf hin jiru. Yoo abbaa manaa ta’ee innillee salaata didee shariyaa Rabbii didellee ka ati haati manaa isaa Rabbi sodaattu yoo ati gorfattee waa hunda itti himtee ijibbaata geesse isaan wajjiin jireenyi jajjabduudha jechu. Seerri shariyaa adiidha waa takka dhossaa hin qabdu.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 141

Kanas dubbisi!

447: Abbaan yoo nikaha godhuu dide akkam?
430: Intala fuudhuu barbaadu harka qabadhee hasofsiisuu ni danda’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button