Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

451: Intalli dubraa abbaa ufii jala ni raftii?

Gaaffii: Intalli dubraa abbaa ufii jala ni raftii?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Aadaan teenya ta dhugaa ta oromoo ta aqliillee numa deebifti gaafii tana. Ilmoon dubraa ta sabiyyii ta humaa hin beeyne tun yoo qabbana jalaa abbaa ufii jala rafte rakkoon tokko hin jiru. Laakiin ilmoon dubraa amata sagalii amata kudhanii abbaa ufii jala rafuunillee barbaachisaa miti. Ulamaan islaamaa waan akkasii san ni dhoowwan. Sheeyxaanni sheeyxaanuma waan fedhellee ta’u, ilmoon dubraa dubra taate ta abbaa ufii jala raftu barbaachisaa mitii jedha shariyaan. Ilmoo obboleeyyan lamaanuu gaafa isiin amata saddeetii sagalii kudhan geette adda baasaa jedha shariyaan islaamaa. Kanaafuu rakkoon argames wanni taarikni odeessu waan hedduu tanaafuu irraa fagaachuun barbaachisaadha yoo ilmoo geese taatee jenna.

 

Sheikh Alii Jimmaa