header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

461: Guyyaa Jum’aa Kabajaa Isaatiif Soommanuun Akkamitti Laallama?

  • Home
  • Soomana
  • 461: Guyyaa Jum’aa Kabajaa Isaatiif Soommanuun Akkamitti Laallama?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Yoo guyyaa juma’aadhaa kabajaa isaatiif soommane dhoorkaan jirtii?

 

 

Deebisaa: Ee ka dhoorke Nabii keenya ? akki jedhe Nabiin keenya; “Soommana guyyaa Jum’aa soommanuu irraa fagaadhaa, guyyaa jum’aadhaa kabajaa isaatiif soommanuu irraa fagaadhaa“. Guyyaa jum’aa soommanaan kophaa baasuun dhoorkaadha. Yoo guyyaa duraa soommantee takkaahuu sabtiin walitti yoo soommante malee.

 

Guyyaa juma’aa waanuma shari’aan kabajaa jetteen kabajna malee akka fedhinnaa keenyaatti kabajuun hin taatu. Fakkeenyaaf guyyaa juma’aadhaa qaama dhiqachuun, huccuu bareedduu uffachuun, Suuratul Kahf qara’uun, nagahaaf Rahammata Nabii keenya irratti guddisuun, akkasuma keeyrii adda addaa dalaguun waan kabajaan guyyaa juma’aa qabu. Ammoo sanirraa ala bahanii karaa biraatiin guyyaa juma’aa kabajuun dhoorkaadha. garuu guyyaa juma’aa kana keessa yoo qadaan sirra jiraate takkaahuu nazriin takkaahuu kaffaaraan, wanni guyyaa jum’aa kana wanni si soommansiisaa yoo jiraate, guyya kana malee hin qabu jettee saniif yoo taate humaa hin qabu. Guyyama Juma’aa kabajuuf kophaa isaa soommanuun dhoorkaadha.

 

Dr. Liwaa’ul Islam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 710

Kanas dubbisi!

473: Nama Ramadaanarraa guyyaa duraa qofa soomanee du’e qadaa irraa baasan moo akkami?
444: Diliin kaffaaraa qabdu waan akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button