header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

476: Maatiin Intalaa gabbara malee sii hin kenninu yoo jedhan isiin maal godhuu dandeessi?

  • Home
  • Dubartii
  • 476: Maatiin Intalaa gabbara malee sii hin kenninu yoo jedhan isiin maal godhuu dandeessi?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Obboleessi aakira tokko na fuudhuuf gaafatee jennaan maatiin kiyya dide haga gabbara barbaachisaa ta’e nuu kafaltutti jedhanii, an ammoo horii gabbaraa san kafaluu hin fedhuu gurbaa fuudhuuf deemu sani ni jaaladha, innillee wanni jedhu horii warri kee na gaafate hamma guututti baallama naa seenii akka nama biraatiin hin dubbanne naan jedha akkam godha?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Duraan dursoo abbaa fi haati isii Rabbi haa sodaatan. Zamana fitnaan akkanatti baldhatee rakkoon hedduu deemaa jiru kanatti akka haraama irratti nama hin gargaarre, wanni gabbara jedhan shari’aa Rabbii keessa waan hin jirreef Rabbi haa sodaatanii. Ulfina haadhaaf abbaa shari’aan hin didne. Garuu horii hagana fiddu malee jedhanii maqaa dhahuu, sani shari’aan hin qabdu sani Rabbi haa sodaatan. Zamana hardhaa keessatti namni intala nama gaafachuun ulfina. Shari’aan wanni jedhu yoo abbaaf haati intala ufii san kennuu wanni didaniif sababaa diinii hin ta’in qaadiin waliyyii intalaatii nikaha godhuu ni danda’aa jedhan, shari’aan akka zinaaf haraamni hin babaldhanne. Kanaafuu intalti qooda lamaan kana keessaa, sabrii gootee fudhachuu lammaffaa qaadii deemtee nikaha hidhachuu mirga lamaan kana keessaa ka feete haa gootu. Garuu abbaaf haati gabbara gaafachuun seera shari’aatti hin ta’u.

 

Sheik Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 33
Views: 5697

Kanas dubbisi!

477: Janaabaa dhiqachuuf Shurrubbaa hiikuun dirqamaa?
469: Sagaleen dhalaa haraami moo halaal?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

5 Comments

  1. intala ani jaaladhe sababa isiin gosa biraa taatef yoo maatin koo naaf fuudhu didde ani garuu waan jaaladhuf yaada isaani dhiise intaliti yoo fuudhe nikaa hidhadhe shariyaan na dangeessa?

  2. Intalli niqaaba offattu tokko, guyyaa heeruma ishee fuula ofiirraa fuutee guyyaa sana booda deebiftee offachuun nidanda’amaa?
    Akka sheriyaa islaamaatti maalfakkaata?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button