Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

476: Maatiin Intalaa gabbara malee sii hin kenninu yoo jedhan isiin maal godhuu dandeessi?

Gaaffii: Obboleessi aakira tokko na fuudhuuf gaafatee jennaan maatiin kiyya dide haga gabbara barbaachisaa ta’e nuu kafaltutti jedhanii, an ammoo horii gabbaraa san kafaluu hin fedhuu gurbaa fuudhuuf deemu sani ni jaaladha, innillee wanni jedhu horii warri kee na gaafate hamma guututti baallama naa seenii akka nama biraatiin hin dubbanne naan jedha akkam godha?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Duraan dursoo abbaa fi haati isii Rabbi haa sodaatan. Zamana fitnaan akkanatti baldhatee rakkoon hedduu deemaa jiru kanatti akka haraama irratti nama hin gargaarre, wanni gabbara jedhan shari’aa Rabbii keessa waan hin jirreef Rabbi haa sodaatanii. Ulfina haadhaaf abbaa shari’aan hin didne. Garuu horii hagana fiddu malee jedhanii maqaa dhahuu, sani shari’aan hin qabdu sani Rabbi haa sodaatan. Zamana hardhaa keessatti namni intala nama gaafachuun ulfina. Shari’aan wanni jedhu yoo abbaaf haati intala ufii san kennuu wanni didaniif sababaa diinii hin ta’in qaadiin waliyyii intalaatii nikaha godhuu ni danda’aa jedhan, shari’aan akka zinaaf haraamni hin babaldhanne. Kanaafuu intalti qooda lamaan kana keessaa, sabrii gootee fudhachuu lammaffaa qaadii deemtee nikaha hidhachuu mirga lamaan kana keessaa ka feete haa gootu. Garuu abbaaf haati gabbara gaafachuun seera shari’aatti hin ta’u.

 

Sheik Alii Jimmaa