Gaafii: Intalti takka yoo rifeensa mataa jabeessitee dhoofte qunnamtii abbaa manaa isiitiin wajji goote janaabaa dhiqachuu haa ta’uu dhiiga aadaa irraa haa ta’uu, yoo rifeensa kana hin hiikin najaasaan irraa hin baane jedhanii akkam?
Deebisaa: Mu’uminni hin najasamu. Janaabaa dhiqachuun waajiba. Garuu Rifeensa hiikuun dirqamaa miti. Bishaan akka gaarii itti naqanii rifeensa waliin gahuun dirqama garuu hiikuun dirqamaa miti. Janaabaanillee irraa ni bu’a yoo bishaan akka gaaritti seenee jiraate
Sheik Alii Jimmaa
Deebisaa ulamaa’ii biyya alaa
Gaafii: Dubartiin Abbaa Manaa isii waliin walqunnamtii raawwattee janaabaa irraa qulqullaahuuf yeroo dhiqattu, rifeensa mataa isii akkamitti dhiqachuu qabdi? Janaabaa irraa qulqullaahuuf hijaaba irraan rifeensa mataa haqachuu (quyifachuu) ni dandeettii? Dubartiin rifeensa mataa isii miidhagfatte (dhahatte) takka, yoo bishaan tuqe yoo kan jalaa badu tahe haala kamiin janaabaa irraa qulqulloofti?
Deebisaa: Shari’aa Islaamaa keessatti janaabaa irraa qulqullaahuuf huccuu irraan haqachuun (quyifachuun) kan hin hayyamamne tahuu ulamaa’iin irratti walii galanii jiru. Haata’u malee hadiisa Safwaan ibni Assaal gabaase keessatti akkuma ibsame, yeroo wuduu’aa huccuu irraan haqachuun (quyifachuun) ni danda’ama. “Ergamaan Rabbii (SA) yeroo imala irra jirru, Kaalsii (sooksii) guyyaa fi halkan sadiif akka hin baafanne nu ajajanii jiru; yoo janaabaa irraa qulqullaahuuf kan dhiqannu tahe malee. hirriba, sagaraafis tahee fincaaniif yoo teennu akka kaalsii hin baafanne nu (ajajan)”.
Akkana haajennu malee akka waliigalaatti shari’aan islaamaa haala hunda keessatti tan ilma naamaatii laaffattu malee tan cinqiitii miti. Dubartiin yeroo janaabaa irraa qulqullooftu rifeensa dhiqachuu keessatti wanti isiif laaffifame ni jira. Ummu Salamaan “Yaa Ergamaa Rabbii; rifeensa mataa kootii yeroo miidhagfadhe hundaahuu; janaabaa fi xurii laguu irraa qulqullaahuun yoo na barbaachise, rifeensa kiyya guututti dhiqachuun narratti dirqamaa?” jettee gaafannaan; “jalqaba yeroo sadi bishaan mataa kee irratti dhangalaastee, itti aansuun qaama guutuu yoo dhiqatte qulqullaahuuf siif gahaadha” jedhaniin. Muslimtu gabaase.
Hadiisa kana irratti hundaahuun, dubartiin rifeensa mataa isii dhahattee miidhagfatte takka janaabaa irraa qulqullaahuudhaaf, rifeensa isii osoo hin hiikin yookaan ammoo haala itti miidhagfatte irraa osoo hin jijjiirin, yeroo sadi bishaan guutuu mataa isii irratti dhangalaasuun qaama hafe guutuu yoo dhiqatte ni gahaaf jechuudha. Waan hunda caalaa ammoo obsaa fi jaalalaan ajaja Rabbii isii guutuu isitiif, boru aakhiratti jazaa guddaa kan argattu tahuu yaadachuun hedduu barbaachisaadha.
Gama biraatiin ammoo namni lafeen cabde yookaan ammoo qaama irraa madaa qabu, janaabaa irraa qulqullaahuufis tahee wuduu’a godhachuuf huccuu irraan haqachuu (quyifachuu) ni danda’a. Sunana Abu Daawud keessatti akkuma ibsame, Jaabir akka gabaasetti; Ergamaan Rabbii (SA) namticha mataa irraa madaa qabaachaa ture tokko huccuu xiqqoo bakka madaa isaa irra godhatee akka quyyifatuu fi qaama hafe guututti akka dhiqatu ajajan.
Sheikh Saalah Al Munajjid