Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

478: Horiin Zakaa namoota akkamiitiif kennamuu qaba?

Gaaffii: Namni tokko horii zakaa naa kennee; yoo feete haadhaa abbaa keetii kenni yoo feete itti fayyadami jedhee; horiin tun naaf halaala moo akkami?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Horiin zakaa nama saddeetiif kennamee jira shari’aa Rabbii keessatti. Nama saddeeti qofatu qooda itti qaba. Yookii nama haala saddeeti keessaa tokko qabutu haqa itti qaba. Yoo sifa saddeettan tana keessaa tokko qabaatte fudhachuu ni dandeessa. Namni ammoo dalagachutti jiru ka miskiinummaa hin qabne ka nama amma islaame hin ta’in, ka horii Zakaa walitti qabuuf deemutti jiru hin ta’in, ka musaafira karaa deemee waan nyaatee waan dhugu dhabe hin ta’in sifa saddeettan sana keessa yoo ati hin jirree horii Zakaa sani nama sifa san qabuu dabarsuu qabda jechu. Yoo abbaaf haati tanteellee sifa san qabaatan kennuufii ni dandeessa horii san.

 

Sheik Alii Jimmaa