Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

498: Xawaafni yoom godhama?

Gaaffii: umraa hajjii godheetiin fixadhee hoggaa arafaa oldeebinu muzdalifa bulee mina bulee hoggaan haaddadhe boodaan xawaafa godhe deemee xawaaffii godheetiin achi boodaan akkasitti deeme duuba saniin xawaafni kee kun hin taanee naan jedhan tanaaf xawaafni kiyya kun dhugaa moo dhugaa miti

 

 

 

 

 

Deebisaa: yoo haaddattee haaddachuu keetiin hiikkaan hajjiidhaa tun lama , hiikkaan duraa haaddachuu, eega takka haaddatteen boodatti shittoo dibachuun qeensa murachuun waa dhuguun waa nyaachuun wohuma takkalleehuu sii halaali jaartii tee malee, eega achirraa deemtee xawaafa gootee, xawaafni ati goote sun kami yoo xawaafa ifaadaa takkaahuu xawaafa hajjii ka ruknii ka goote taate faaga gaarii qabatte . duuba namni achirraa hoggaa deebi’e wonni itti aanu xawaafa ifaadaati , tanaaf jecha xawaafni kee ifaadaa yoo niyyatte xawaafa ifaadaatiifi xawaafa wodaa’aa woliin niyyattee yoo nuufii gootes ni dandeetta. Xawaafni lama ka sirra jiru , tokko hogguma san deemtee xawaafa ifaadaa godhuu dandeessa kun rukni, achirraa as deebitee guyyaa sadi yookii guyyaa lama mina bultee guyyaa makkarraa bahuu deemtu xawaafa wodaa’aatu sirra jira , ammoo xawaafuma ifaadaa kanahuu hanga ayyamuttashriqi minatti booda aantee guyyaa kudha lama feetu guyyaa kudha sadi hogga achirraa deemtu xawaafa ifaadaa tiifi xawaafa wodaa’aa wolkeessa niyyattee gaggeessuu dandeessa adda addaan makkuma keessa hin bulin malee, tanaaf jecha xawaafa ifaadaatiifi xawaafa wodaa’aa yeroo adda addaa godhuun rakkina tokkolleen hin jiru namni akkas siin jedhe, xawaafa amma godhuun kee fuulduratti hindandayamu namni siin jedhe ni kijibe. xawaafni ifaadaa yoo atummaan dandeette guyyummaan gaariinuu guyyuma ati goote sani , rabbi sirraa haa qeebalu ,

 

Dr. Liwaa’ul Isalam