Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

506: Yeroo heeydii qabutti Qur’aana qara’uu danda’aa?

Gaaffii : nuti dhalaan kun gaa waan dhiirti hin qabne qabna heeydiidha tanaa jecha qur’aana qara’uun naaf dandayamaa? Takkaayuu jawwaalarratti gara bakka adda addaa banadhee yoon qara’e akkam?

 

 

 

 

Deebisaa: ulamaa’iin ahlussunna wol jamaa’aa wonni irratti woliigalan , intalti dhalaa takka barattuu taatuu barsiistuu taatuu haajaan yoo itti jiraatte qur’aana isii harkatti waa uffattee fuutee waan akka kursii irra kaayyattee qara’uu ni dandeessi, takkaahuu kursii irra kaayaniifii mukaan garagalfattee qara’uu ni dandeessi, takkaahuu namni isiidhaa garagalchee , ammoo harka callaan qur’aana hin tuqin , ammoo ta jawwaalaa waa takkallee rakkoo hin qabu irraa qara’uu dandeessa.

 

Dr. Liwaa’ul Isalam