header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

513: Maallaqa ribaan wojjiin jiru zakaan ka irraa hin baane maal godhuu qaba?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: maallaqaan baankii keeysaa qaba , maallaqni kun ribaanillee wojjiin jiraa akkamiin godha ? maallaqa san yoon fuudhee miskiinaa hire hoo akkam? Zakaallee irraa baasee hin jiru maal godhuu naa woyya ?

 

 

 

 

Deebisaa : baankii ribaa qabdu keessa kaayyachuun yoo rakkoon si goote homaa hin qabu horiin narraa bada jettee. garuu ammoo baankiin cuftinuu nama gaafatti dhala feeta moo hin feetu? Hoggaa maallaqa keeysu dhala hin fedhu jedhii kaayi . yoo wollaalaan ammoo keessee horiin kun keeti dhala keeti jedhanii yoo sii kennan achitti hin dhiisin horii san fuudhi waan hin nyaanne waan hin dhuyne, bakka karaa baasan fa’a , sagaraa masjiidaa fa’a ,  horii halaal kiishaa kennitee ka ribaa dhaa ammoo waan akka mismaaraa fi buluuqa simintoo , qorqoorroo waan akkanaa kanniiniin  goota . ulamaa’iin gariin miskiinaaf kennuutu irra caalaa achitti dhiisuu irra worra jedhantu jira. wolumaa galattuu ati achitti hin dhiisin, wonni ati achitti dhiifte sun ilmaan islaamaa addunyaa irratti miidhaa jiraa. baankii Amriikaafi  orooppaafi biyya arabaa horiin akkasii kan addunyaa kanarratti maqaa uneskoo fi  UN tiin kennamu ilmaan islaamaa addunyaa irratti miidhaa jira achi keessatti hin dhiisinaa bakka fakkaattutti mala godhaa. Ammoo ta horii zakaadhaa waan duraan hin beekin yoo horiin kee baankii jiraate amata shan yookaa kudhan , hisaaba maallaqa sirra jirutti osoo hanga fedhan maallaqni ka irraa bahullee tahee waan amatni irra naannawu zakaan sirra jira fknf birrii etoophiyaa 1000 irratti birrii 25 sirra jira. Akkasitti hisaaba gootee zakaa if irraa baafta waan shakkite keessatti rabbi kee araarama kadhatta.

 

Dr. Liwaa’ul Isalam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 11
Views: 1300

Kanas dubbisi!

524: Nikaha malee daa’imummaan dubra heerumte tawbaan isii maali?
508: Zinaa booda nikahni hidhamu akkami? ilmoon yoo argamte hoo zinaan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button