header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

514: Hajjii bakka irraa ka’anitti deebi’uun dirqamaa? Qalmi hoo akkam?

  • Home
  • Hajjii
  • 514: Hajjii bakka irraa ka’anitti deebi’uun dirqamaa? Qalmi hoo akkam?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii :  magaalaa takka irraa ka’ee obboleessa kiyya wojjiin hajjii godhee garuu hoggaan deebi’u bakka irraa dhufetti hin deebine , namni bakka irraa dhufetti hin deebi’in hajjiin isaa hin qeebalamtu naan jedhan  , worri an hojjadhuuf sun maallaqa 500 natti kennanii hoggaa hajjii gootee booda re’ee qali naan jedhan. Ani re’ees hin qalle hajjii ammoo gaggeeffadhe

 

 

 

 

Deebisaa: namni bakka irraa kaatetti yoo hin deebinee hajjiin kee hin taatu namni siin jedhe sun jaahila . hajjii goote situ beeka, hajjiin sadi hajjii ifraadaa, hajjii qiraanaa , hajjii tamattu’aa jedhaniin : tamattu’aan hajjii qananiiti, qiraanni hajjii qindiiti, ifraadni hajjii kophaati. Qiraanaa fi tamattu’uni qaliinsaatu sirra jira . hajjii tamattu’aa yooniifin baatii zulqi’idaa shawwaal  keessa umraa gootee takkaahuu baatii zulhijjaa keessa umraa gootee  hiikkattee yoo hidhatte qaliinsatu sirra jira . akkuma san hajjii fi umraa wolitti qabdee qiraana san yoo gootes qalmatu sirra jira . ta hajjii kophaa irratti homaa sirra hin jiru . yoo ka qaliinsa irraanfatte taate bakki qaliinsaa MAKKA keessaa ala bahuu hin qabu re’ee bittee miskiinni makkaa nyaachuu qaba . nama keetitti kennitee worreen achi keessa qubatanii jiran ilmaan isaaniitiif yoo qalan irra ajrii qabda

 

Dr. Liwaa’ul Isalam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 4
Views: 356

Kanas dubbisi!

516: Namni hajjii irra jiru rifeensa bobaa yoom murata?
498: Xawaafni yoom godhama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button