header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

522: Hijaaba gubbaan haqachuun (quyyifachuun) ni dandayamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Yeroo wadda’atan osoo hijaaba mataa irraa qaban mataa gubbaa haqatuun ni dandayamaa?

 

 

Deebisaa: Ee ni dandayama. Mataa akkaataa saditti haqachuun danda’ama. Mataa haquun dirqama irraahi. Waan jedhu Rabbiin (SW) “Yaa warra Rabbitti amane hoo; wayta salaatuu barbaaddan wodda’adhaa. fuula keessan dhiqaa! fuula wayta jedhan fuula guutuu dhiquu qabda. harkallee haga ciqileetti dhiqaa jedha Rabbiin (SW). akkasuma mataa keessanillee rifeensa haqaa jedha. Haquu kana ulamaa’iin irratti wal kilaafan, imaamu shaafi’iin wanni jedhe; mataa kee irraa rifeensuma tokko yoo bishaan dhaqqabsiifte haqxee jirta” jedha. Kilaafa dheeraa ulamaa’ii san keessa osoo hin seenin.

Tokkoffaa mataa kee gara fuula duraa kana haquu dandeessa. akki sunnaa Rasuulaa ? kan hadiisni hedduun itti dhufe. mataa guutuu rifeensa mataa keetii cufa jiidha harka keetiitiin dhaqabsiisuun barbaachisaadha. Yoo guftaan mataa irra jiraate yookaan fooxaan wahii irra jiraate, yoo dhiirtillee si wajjiin jiraatan, bakka dhiirri jirutti rifeensa mataa keetii irraa hijaaba mulquun waan hin hayyamamneef, gara fuula duraa kanaan rifeensa bishaan tuqsiistee guftaa san gubbaadhaan gad geessita jechudha. Akkasuma ammallee ka rifeensa tokkollee hin tuqsiisne guftaa gubbaan haquunilleen ni dandayama. Wallaahu Aa’lam

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 814

Kanas dubbisi!

524: Nikaha malee daa’imummaan dubra heerumte tawbaan isii maali?
517: Osoo heeydii qabuu sijaadaa irra taa’uu danda’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button