header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

532: Ruku’arraa akka ol jedhaniin imaamni gariin wonti qara’u maali ?

  • Home
  • Salaata
  • 532: Ruku’arraa akka ol jedhaniin imaamni gariin wonti qara’u maali ?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Biyyaa ani jiru kana keessatti imaamni raka’aa lammaffaa keessatti waa qara’aa wanni inni qara’u sun du’aa’ii waan isiin taate hin  beekuu biyya keenna hin jirtuu.

 

 

 

 

 

 

Deebisaa: Wanni inni qara’u sun qunuuta jedhama. Qunuuta jechuun du’aa’ii. Du’aa’ii suni salaata fajrii keessatti wayta raka’aa lammaffaa gad geessan ruku’arraa ol godhatan osoo sujuudaaf gad hin buuneen duratti du’aa’ii qara’an. Du’aa’iin qara’an sun shaafi’iyyaa biratti sunnaadha. Waliin salaati rakkoo hin qabduu. Wayta gara biyya keessanii dhayxellee ufirraa dhiisi humaa rakkoo hinqabduu. Asilitti Rasuula Rabbii irraa salaata subhii qofa irratti qunxxuxni irraaa hin sabanne. Garuu qunuutni kun sadi; du’aa’iin qara’an tun ruku’a, ruku’a duuba, raka’aa lammaffaa haa taatuu raka’aa arfaffaa haa taatuu raka’aa irraa maayyii keessatti ruku’arraa wayta olgodhatan du’aa’iin qara’an sadi; qunxul nawaazil jedhamti du’aa’ii wayta musiibaan buute, qunuutul witrii jedhan du’aa’ii witirii jedhan, quunuuxa subhii jedhan. Qunuutni witrii fii qunuutni wayta musiibaan buutee rasuula Rabbii irraa sabattee jirti. Gaafa warra 70 ka qur’aana haafizaa warri kaafiraa fixe rasuulli Rabbii gosa kaafiraa san  warra sani fixxe Rasuulli Rabbii Abaare jechu. Ammoo qunuuta subhii kana hadiisni itti dhufe da’iifa.  Hadiisni da’iifaa kun imaamu shaafi’ii biratti humna qabaa daliila godhate. Mazahbi isaanillee sani irratti dhaabbatee jiraa jechu. Kanaafuu salaata subhii yoo nama shaafi’iyyaa tokko waliin salaatte namallee azaa hin godhinii atillee azaa ufi hin godhinii bida’a mitii waliin qunuuta godhii. San irra wanti hamtuudhaa ati kilaafa kaaftee masjiida keessatti ummatni qoodamee wal lolanii sanirraa jibbansaafii wal abaaruufii wal arrabsuuf waliin ooduun irraa kaatu santu qunuuta ati waliin gootu sani irra hamtuudha. Imaamu Ahmad ibnu hambaliifi imaamu shaafi’iin Muhammad ibnu Idriis. Imaamu Ahmad qunuutni subhii kun akka hin jirre amana, imaamu shaafi’iin akka jiru amana. Saniin wajjiin waliin salaatan. Imaamu shaafi’iin imaama ta’eeti Imaamu Ahmad imaamu shaafi’ii duubaan salaatuu turee jechu. Gaafatanii jennaan qunuutni fajrii bida’a moo sunna jedhanii gaafatanii jennaan bida’a hin jedhuu jedhe. Nama qunuuta ganamaa godhu tokko wajjiin salaattaa jedhanii gafannaan ee  ni salaataa jedhe. Gaafiin kankee kun imaamu shaafi’ii wajjiin hin salaattu jechuu feetaa jedheen. Kanaafuu dubbiin waan sirra laaftuu takkaa wanni qara’an sun waan beekamaa qunuuta jedhama ufirraa waliin salaati rakkoo hin qabuu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 925

Kanas dubbisi!

533: Salaata garii dhiisaa garii salaatuun akkam?
528: Namni tokko yoo janaabee bishaan dhiqatuun dhabe akkamitti salaataa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!
Back to top button