Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

533: Salaata garii dhiisaa garii salaatuun akkam?

Gaaffii: Nama salaata tokko salaata tokko dhiisu ammoo ka sadaqatu maal godhan? sadaqaan isaa sun salaata isaa irraa bakka buuti? Qadaa deebisaa?

 

 

 

 

Deebisaa: Bakka hin buutu. Nasihaa godhaniif akka walitti dhaabee salaatu. Towbadhu gama Rabbi kankeeti kadhu. Yoo ka beeku taate guyyaa inni irraa dabre sani qadaa deebisa. Yoo ka hin beeyne taate toowbaa godhaa jechu. Namni salaata dhiisu takkaa waliigalatti haa dhiisuu takkaa keessaa waa haa dhiisuu namni salaata dhiisu tokko Rabbi biratti abaarama. Ulamaa’ii islaama garii biratti inumaahuu kaafira diinaa islaamaa keessaa ni baha.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif