header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

540: Namni tokko Hajjii godhuuf deemee yoo achitti hafe akkamitti ilaalama?

  • Home
  • Hajjii
  • 540: Namni tokko Hajjii godhuuf deemee yoo achitti hafe akkamitti ilaalama?
Estimated reading time: 1 min

Hujiin ibaadaa hundi kan qeebalamtu Rabbumaaf qofa qulqulleessanii ikhilaasaan yoo dalagan qofa. Dalagaa ibaadaa hundarraa Rabbi biratti ajrii argachuudhaaf  ikhlaasaan hojjatuu akka qabnu qur’aana keessatti bakka heddutti ibsamee jira. Ergamaan Rabbiitis (SAW) namni hundinuu waanuma niyyaa isaa kan argatu tahuu barsiisan. Akkuma jasadni yookaan qaama namaa ruuhiin yoo keessaa baate bu’aa takkallee hin qabaanne sanitti, dalagaan Ikhlaasa hin qabnes akkasuma bu’aa hin qabdu. Kanarratti hundoofnee, namni tokko hajjiif bahee yoo achitti hafe akkamitti ilaalama gaaffiin jettu haala lamatti ilaalamuu danda’a. Kan jalqabaa namni Hajjii niyyatee manaa bahee eega hajjii isaa raawwatee booda, duniyaa barbaacha, daldalaa yookaan ammoo dhimma birootiif namni biyya sanitti yoo hafe, Hajjii isaa jalqaba niyyatee bahe san seera guutee raawwannaan rakkoo tokkollee hin qabu. Inshaa Allaah hajjiin isaa irraa qeebalamti. Kun qur’aana keessattis ibsamee jira. Waan Rabbiin isinitti arjoome dabalata yoo barbaadattan homaa rakkoo hin qabu jechuun ibsame. Gama biraatiin namni niyyaan isaa jalqabuma dalgaadhaaf, yookaan dhimma biraatiif dursa kennee eega niyyatee booda hajjii tanas achumaan ifirraa buusa jedhee namni ka’e, hajjiin isaa hir’uudha yookaan ammoo irraa hin qeebalamtu. Fakkeenyaaf dubartiin takka Abbaa warraa isii biyya san jiru bira dhaquuf jecha niyyattee hajjiis achumaan yoo goote, hajjiin isii hir’uu taha.  Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu.

Dr. Jeeylaan H/Khadiir

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 7
Views: 944

Kanas dubbisi!

541: Hajji jechuun hiikkaan isaa maali?
539: Namni Hajjiif niyyate tokko jalqaba maal guuttatuu qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!
Back to top button