Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

541: Hajji jechuun hiikkaan isaa maali?

Hajji jechuun akka lugaa afaan arabaatti hikkaan isaa waan tokkotti fuula deebi’anii niyyatuu jechuudha. Akka shariaatti ammoo hajji jechuun: dalagaa Rabbiin waajiba namarratti taasise raawachuudhaaf niyyatanii gara mana Rabbii deemuudha. Hajjii keessa hikmaa heddutu jira. Arkaana islaamaa keessa tokko iddoo itti hojjatamu tahuu waliinuu, Ummata Muslimaatiif faayidaa guddaatu hajjii keessa jira. Faaydaalee kanneen keessaa, hajjiin iddoo ummatni islaama addunyaa guutuu irraa walitti dhufee dhimmoota amantii, hawaasummaa, beekumsa waliiqooduu fi kanneen biroo hawaasni muslimaa keessa jiru ilaalchisee yaada walii qooduuf waltajjii guddaadha. Rabbiin Hajjii fardii yookaan dirqama qofa godhee hin dhiisne, qalbiin ilma naamaa akka bikka hajjii san hawwitu taasise. Kanaaf namni hundi jaalalaafi hawwiidhaan maallaqa heddu baasee garisitti imala. Kun immoo Rabbiin kadhaa Abbaa anbiyootaa Nabiyyullaah Ibraahim (AS) irraa fuudhe wajjiin walqabata. Ammas Rabbiin iddoo kanatti dilii hunda namarraa buusa, iddoon du’aaiin namarraa itti qeebalamtus achuma. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageefadhu.

Dr. Jeeylaan H/Khadiir