Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

542: Sirna Hajjii keessatti hikmaaleen ijoon garsiifaman maal fa’a?

Sirni hajjii ibaadaa tahuu waliin hikmaalee hedduu kan ilma namaa hundaaf fayyadu, keessumattuu ammoo ummata muslimaatiif hikmaalee barumsa guddaa qabantu keessa jira. Namni hundi huccuu xiqqoo sirna hajjii uffachuudhaaf kan isaa yemmuu baafatu, gaafa du’u huccuun hundi akkasuma kan irraa baafamu tahuu yaadachuu qaba. Beekaa fi wallaalaan, guddaa fi xiqqaan, hogganaa fi ummatni isaatis huccuu bifa tokkoo uffatee sirna kana raawwachuunis barumsa guddaa if keessaa qaba. Walqixxummaa ilma namaa garsiisa. Dabalataanis, yaadannoowwan heddutu sirna hajjii keessa jira. Guyyaa qiyaamaa ilmi namaa hundi fuula Rabbii afotti kan dhihaatu tahuu nu barsiisa. Ammas iddoon hajjii kun iddoo Anbiyootaa fi ergamtoonni Rabbii (AS) hedduun, akkasumas Sahabootni Ergamaa Rabbii iddoo dhaabbatanii turan tahuu waliin isaan hunda yaadanna. Kun hundi hikmaadha. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeffadhu.

Dr. Jeeylaan H/Khadiir