Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

544: Sadarkaan Hajjiin Islaamummaa keessatti qabdu maali?

Islaamummaan arkaana yookaan utubaa shan irratti dhaabbatti. Hajjiin arkaana islaamaa keessaa takka. Kan jalqabaa fi inni guddaan Rabbii tokkocha malee haqaan gabbaramaan hin jiru; Nabi Muhammad (SAW) ergamaa Rabbiiti jedhanii ragaa bahuudha. Kan lammataa salaata shanan salaatuu yoo tahu, sadaffaan baatii Ramadaanaa soomuudha. Afraffaan ammoo Zakaa kennuudha. Shanaffaan mana Rabbii dhaquu yookaan hajjii godhuudha. Salaataa fi Soomanni nama hunda irratti dirqama. Zakaan ammoo nama duniyaa qabu hunda irratti dirqama taate. Rabbiin Hajjii nama dandeettii qabu qofa irratti dirqama godhe. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu.

Dr. Jeeylaan H/Khadiir