Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

545: Soomanni Ramadaanaa nama akkamii irratti dirqama taha?

Rabbiin (SW) qur’aana keessatti namni baatiin ramadaana itti geette yookaan ji’a ramadaanaa lubbuun dhaqqabe haa soomu jechuun nu ajaje. Namni muslimaa soomanni ramadaanaa irratti wajjabu kan umriin isaa 15 gahe (baaliga tahe), nama aqlii guutuu qabu (kan hin maraatin), nama imala irra hin jirre, nama fayyaa qabu hunda taha. Namni imala irra jiruu fi namni dhukkubsatu yeroo biraa qadaa baasuutu isarra jira. Haaluma walfakkaatuun dubartiin heeydii irra jirtuu fi tan deettee ulmaa ciiftes yeroo biroo eega xahaarfattee booda qadaa baasuu qabdi. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu.

Dr. Jeeylaan H/Khadiir