Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

549: Dubartiin dhiigni ji’aa akkuma irraa dhaabbateen osoo hin xahaarfatin soomana niyyatuu ni dandeettii?

Dubartiin heeydii irra turte takka fajrii dura dhiigni irraa dhaabbatuu yoo mirkaneeffatte, soomana niyyatuu ni dandeetti. Soomana niyyatuuf Dhiigni dhaabatutu sharxiidha malee qaama dhiqachuun yookaan xahaarfachuun sharxii miti. Fajrii dura soomana niyyattee eega qabattee booda ammoo qaama isii dhiqattee salaatuu ni dandeetti. Dabalataanis dubartiin heeydii irra turte somana achi dura isii dabre yeroo biraa qadaa baasuu qabdi. Salaata garuu qadaa hin baastu. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu.

Dr. Jeeylaan H/Khadiir