Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

553: Dubartii Ulfa garaa qabdu yookaan tan hoosiftu irratti soomuun dirqamaa?

Dubartiin ulfa qabdu yookaan ammoo dubartiin hoosiftu, sababa soomanaatiin isii irratti yookaan daa’ima irratti miidhaan ni gahaa yoo sodaatte, soomana dhiisuu yookaan furuu ni dandeessi. Dirqamni isii irra jiraatu Soomana dhiiste lakkaahattee yeroo biroo soomuudhaan qadaa kafaluu taha. Hatahu malee ulamaa’iin somana qadaa kafaluu irratti walii galanis dabalataan maal godhuu qabdi kan jedhu irratti yaada garagaraa qaban. Ulamaa’iin irra hedduun akka jedhanitti dubartiin tun sooma kana kan hiikteef daa’imni narraa miidhama soda jedhuun yoo tahe, sooma hiikuu kana namni lama waan fayyadameef qadaa soomuu waliin nyaachisuus ni qabdi jedhan. Ulamaa’iin gariin ammoo nyaachisuun dirqamaa miti; garuu yoo dabalataan nyaachiftes rakkoo hin qabuu jedhan. Walumaa galatti Dubartiin ulfa qabdu yookaan ammoo dubartiin hoosiftu yeroo san sooma furtee, yeroo biroo qadaa deebisuu ni dandeetti. Dabalataan yoo nyaachiftes rakkoo hin qabu.

 

Dr. Jeeylaan H/Khadiir