Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

554: Dubartiin takka qadaa soomana duraa osoo hin baasin kan biraa yoo itti dhufe sooma bara kamii dursitee soomuu qabdi?

Dubartiin sababa garagaraatiin soomana duraa osoo hin baasin Ramadaanni biraa itti dhufuu mala. Fakkeenyaaf dubartiin deette takka ammas ilmoo osoo hoosiftu,  qadaa duraa osoo hin baasin Ramadaanni biraa yoo itti dhufe, jalqaba Ramadaanuma amma itti gahe kana soomuu qabdi. Kan duraan isii dabre ammoo akkuma isii mijaahetti yeroo itti aanu qadaa baasuu qabdi. Haaluma walfakkaatuun soomanni waggaa hedduu yoo isii dabree jiraates, haala mijeeffattee soomuudhaan ifirraa fixuutu irratti dirqama taha. Haatahu malee dubartiin sababa fayyaatiin gonkumaa soomuu hin dandeenye ammoo, baatii Ramadaanaa hiyyeessa nyaachisuudhaan ifirraa buusuu ni dandeetti. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu.

Dr. Jeeylaan H/Khadiir