Akka ulamaa’iin bayaansanitti, Yoo wal daguufi wal sobuun keessa jiraachuu baate dallaalummaan dalagaa qulqulluudha. Haraamummaa hin qabdu. Meeshaan dallaalan sunis meeshaa haraamaa tahuu hin qabu. Waan akka konkolaataa, mana, dachii fi waan halaalaa dallaaluun rakkoo takkallee hin qabu. Mallaqni dallaalummaa irraa argatanis yoo ifaan walitti himanii hojjatan halaala. Kan bituufi kan gurgurus hagana siif kafalla jedhanii himaniifii, waan irratti waliif galan san yoo kafalaniif rakkoo takkallee hin qabu.
Sheikh Abdussalaam Xaahir
Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa gabaabinaan.
Wanti bitaniifi gurguran hundi beekumsatti haajomti. Fakkeenyaaf namni tokko yoo lafa bitachuu fedhe; Waa’ee lafa sanii, gatii magaalaan ittiin jirtu, haala qilleensaa, seera qabeessummaa dachii sanii fi waan heddu beekuu qaba. Kana beekuuf ammoo qorannoo guddaa godhuun isarratti dirqama. Gama birootiin namni gurguratus lafa san gurguruuf nama itti gurguru argachuu qaba. Kanaaf ammoo dallaalli akkaan barbaachisaadha. Dalagaan dallaalaa nama bituufi gurguruufis bu’aa guddaadha. Hojiin kun akka shari’aa islaamaatti hayyamamaadha. Haraamummaa takkallee hin qabu. Garuu yeroo hunda nama haqaa tahuun dirqama. Ka gurguratu fayyadanii ka bitu miidhuun, ykn faallaa kanaatiin ka bitu fayyadanii ka gurguratu miidhuun haraama. Meeshaa rakkina qabu yoo gurguran rakkina isaa himuun dirqama. Gama hundattuu dhugaa jirtu himanii haqaan dalaganii waan ifaajee ofii fudhachuun hayyamamaadha. Yoo wal daguufi wal sobuun keessa jiraate guututti haraama taha.
Imaamu Ahmad dhimma dallaalummaa kanarraa gaafatamee akki jedhe: “Dallaalummaa wanti haraama godhu shari’aa Islaamaa keessa hin jiru” Al-Mudawwanah, 3/466
Bukhaarii, Ibnu Abbaas fii Ibnu Siiriin dhimma kanarratti fatwaa godhanii, waan dallaalummaa haraama godhu hin argine jedhan.
Walumaa galatti dallaalummaan yoo wal daguun keessa jiraachuu baatte halaala. Yoo wal daguun keessa jiraatte haraama taha. Gama birootiin waan shari’aa islaamaa keessatti haraama tahe dallaaluunis dhoorkaadha.
Sheikh Saalah Al-Munajjid