Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

563. Nama Muslima hin tahinitti heerumuun hayyamamaa?

Yeroo ammaa kana heeruma jechuu kana hiikni isaa badee jira. Namni ulaagaa fuudhaa heerumaa eeggachuu waan dhiise fakkaata. Intalti Muslimaa takka nama Muslima hin tahinitti heerumuu jechuun kun, shari’aa Islaamaatti dhiisii akkuma aadaattuu waan jiruu miti. Gurbaa akkanaa waliin dabarte jedhan malee, heerumte jechuun akka aadaattuu hin jirtu. Akka shari’aatti yoo as deebine ammoo, intalti Muslimaa takka yoo nama Muslima hin tahinitti heerumte, heerumni isii kun sirrii miti. Waan hayyamamuu miti. Ganda maatii isiitti deebitee nama Rabbitti amanetti heerumuu qabdi. Nama Muslima hin tahinitti heerumuun dhoorkaadha.

Sheikh Abdussalaam Xaahir