header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

568: Qulqullina malee Qur’aana tuquun akkami? Namni Kiristaanaa Qur’aana tuquu danda’aa?

  • Home
  • Qulqullina
  • 568: Qulqullina malee Qur’aana tuquun akkami? Namni Kiristaanaa Qur’aana tuquu danda’aa?
Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Rabbiin waa’ee qur’aanaa yoo dubbatu “Warra xahaaraa qabu malee nami kuun tuquun hin gayu” jedhe. Garuu akkuma arginu namni Muslima hin taane hunduu qur’aana tuquu ni danda’a. Haalli kun aayaa qur’aana ““Warra xahaaraa qabu malee nami kuun tuquun hin gayu” jedhu hin faalleysuu?

 

 

Deebisaa: Akkuma obboleessi jedhe; hiikkaa gubbaa qofa yoo fudhanne waan obboleessi jedheen walii gala. Obboleessi dubbii Suuraa Al waaqi’aa Suuraa 56 aayaa 77 hanga 79 irra jiru irraa nuu dubbate. “Qur’aanni kun kan Rabbiin guddisee kabaje. Kitaaba tiyfame keessa jira. Warra xahaaraa qabu malee namni kuun tuquun hin gayu”

Yoo Hiikkaa isaa kan gubbaa qofa fudhattan, namoonni Muslima hin ta’in kan qulqullina hin qabne, kan akka fedhanitti qur’aana tuquu danda’an ni argitu. kanaafuu qur’aanni bakka kanatti dubbiin isaa kijibsiifame jechuu fakkaata. Garuu nuzuula qur’aanaa laalaa. aayaan kun yoom buufame? Aayaan kun Wayta doofaawwan arabaa Nabi Muhammad ? irratti dhara dubbatan bu’e. ‘Muhammad Qur’aana kana sheeyxaanarraa argataa jira’ jedhanii olola oofan. Na’uuzubillaah. San booda aayaan kun buufame. Qur’aanni kun kan Rabbiin guddisee kabaje, Kitaaba tiyfame keessa jira. Warra xahaaraa qabu malee namni kuun tuquun hin gayu.

Aayaan kun waa’ee mus’haafa nuti of harkaa qabnuu dubbataa hin jiru. Qur’aana Lawhal mahfuuz kan samii keessa jirurraa dubbataara. Isa san warra xahaaraa qabu malee kuun tuquun hin gayu. Ammoo waa’ee qulqullina qaamaa ykn wudu’a qabaachuutii miti kan dubbataaru. Qulqullina qaamaa qofa osoo hin taane, qulqullina sammuu, qulqullina miraa, waa’ee qulqullina irraa boodaati. Sunis Maleeykaadha. Qur’aana san, Lawhii Orijinaalaa kan samii keessa jiru sheeyxaannis jinniinis tuquu hin danda’u. Maleeykaa qofatu tuquu danda’a jedhee nuu himaara.

Gama biraatiin aayaa kana hubachuuf suuraa Al buruuj, Suuraa 85ffaa, aayaa 21 fi 22 irratti akkana jedha;

(Wanti nuti ergamaa keenyarratti buufne) Qur’aana guddaa kabajamaa. Lawhal Mahfuuz keessa jira.

Kanaafuu aayaan qur’aanaa kun waa’ee Quraana Lawhal mahfuuz irra jirurraa dubbataara. Lawhii haalaan eeggamaa ta’e. seeyxaanni tokkolleen isa bira gahuu hin danda’u. dubbii dharaa warri doofaan Nabi Muhammad ? qur’aana seeyxanarraa fidaa jiran jedhan, na’uuzubillaah, harkatti kuffisuuf kan buufameedha. Namni tokkolleen Qur’aana san tuquu hin danda’u warra qulqulluu malee. Waa’ee qulqulloota irraa boodaa, Maleeykaa dubbatutti jira. Aayaan kun waa’ee Mus’haafa nuti of harkaa qabnuu dubbataa hin jiru.

Qur’aana of harkaa qabnu kana muslimni wudu’aan tuquu ni danda’a, wudu’aan malettis tuquu ni danda’a. aayaan kun waa’ee wudu’aatis dubbataa hin jiru. Waa’ee qulqullummaa guutuu dubbataara. Namni Muslima hin ta’inis qur’aana harkaan tuquu ni danda’a. muslimnis tuquu ni danda’a. muslimoonni wudu’a godhatanii qur’aana tuquun mustahabb (jaalatamaadha). Muslimni wudu’aan malee qur’aana tuquu ni danda’a. wudu’aan tuquun fardiidha jechuun dogongora. Muslimoota garii bira dhimma kanarraa hubannoo sirrii dhabuutu jira. Qur’aana tuquudhaaf wudu’a godhachuun gaariidha. Fardii miti. Jaalatamaadha, mustahabb. Aayaan kun waa’ee qur’aana lawhal mahfuuz irra jirurraa dubbataara. Barreeffama orijinaalaa irraa dubbataara. Waa’ee qur’aana nuti har’a of harkaa qabnu kanaa dubbataa hin jiru.

 

Dr.Zaakir Naayik


Ibsa Dabalataa: (Ulamaa’iin fatwaa kana mormanis hedduudha. Xahaaraa malee qur’aana harkaan tuquun dhoorkaadha. namni Muslima hin tahin qur’aana harkaan tuquu hin qabu jedhan. Aayaata Suuraa Al-waaqi’aa Suuraa 56 aayaa 77 hanga 79 irra jiru kan “Qur’aanni kun kan Rabbiin guddisee kabaje. Kitaaba tiyfame keessa jira. Warra xahaaraa qabu malee namni kuun tuquun hin gayu” jedhu kana. malaa’ikatti fassaruun sirrii miti jedhan. ulamaa’iin biyya keenyaa kan haala kanaan hiikanii yaada Dr. Zaakir kana mormanis hedduudha. Fakkeenyaaf Fataawaa Nuuralhudaa Gaafii 08 laali. Dr. Liwaa’ulislaam Wuduu’a malee Qur’aana tuquun dhoorkaadha jedhan. Kilaafni Ulamaa’ii bakka heddutti waanuma jiru. ulamaan hundi aayaata qur’aanaa akka isa amansiisetti hiikee yaada san jala deema. kanaafuu namni barruu tana dubbisu waan kana hubachuu qaba. Yaada kiyya qofatu sirriidha. yaanni nama biroo guutuun dogongora jechuun sirrii miti. Fatwaan ulamaa’ii haqarra jiranii hundi kabajamuu qaba. abbaan fedhe fatwaa isa amansiise fudhatee jala deemuu mirga qaba. garuu sababaa fatwaan wal dhabdeef jecha walirratti duuluun sirrii miti. kanaafuu yaanni adda addaa jiraachuu kana akka hubattan asumaan isin yaadachiisna)

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 895

Kanas dubbisi!

571: Dubartiin ilmoo dhalte guyyaa meeqa booda salaata eegalti?
567: Saala daa’imaa tuquun wuduu’a balleessaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button