Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

569: Eega zinaa walitti dalaganii booda nikaaha hidhachuun akkami?

Gaafii: Dhiiraafi dhalaan takka eega zinaa walitti dalaganii booda, Nikaaha godhatanii bultii jaaranii ilmaan heddu horan. Nikaan isaanii kun akkami? Diliin irra jirtu hoo maali?

 

 

Deebisaa: Namni osoo nikaah hin godhatin zinaa walitti dalage, Osoo nikaahatti hin seenin dura waan godhuu qabutu jira. Jalqaba isaan lameenuu adda fagaachuu qaban. Hanga garaan isii qulqullaahutti eeguun barbaachisaadha. Yoo xiqqaate hanga xuriin laguu tokko itti dhufuu eeganii, garaan isii qulqulluu tahuu mirkaneeffachuu qaban. Turtii yeroo kanaa keessattis gama Rabbii isaanii deebi’anii dilii ofiitiif Rabbitti boohuu qaban. Zinaan dilii gurguddoo keessaa isa tokko. Rabbiin zinatti hin dhihaatinaa jedhe.  zinatti hin dhihaatinaa jedhee akeekkachiise. Intala ajnabii ijaan laaluu fa, ajnabii wajji kophaa bahanii mana tokko keessa waliin ta’uu fa, kophaa waliin imala deemuu fa, wanti akkanaa kun hundi zinamarraa lakkaawama. Ijji namaa laalcha qofaan zinaa dalaydi. Harkis zinaa dalaga. Miillis gama ajnabiin jirtutti deemuun zinaa dalaga. wantoonni gama zinaa nama geessan hundi haraama. Irraa fagaachuu barbaachisa.

 

Jarri kun lameen eega dilii guddoo Rabbiin irraa dinniine kana dalaganii; halkaniifi guyyaa nadaamayanii Rabbitti boohuu qaban. Isaan lameenuu eega gama Rabbii deebi’anii tawbatanii booda, hanga garaan isii qulqullaahutti eeguu qaban. Yoo garaan isii qulqulluu tahee xuriin laguu itti dhufe, gaafuma san nikaaha godhatanii akka jaarsaafi jaartiitti waliin jiraachuu mirga qaban. Yoo ulfooytee xuriin hafe ammoo, hanga ilmoo san dhaltutti eeguun barbaachisaadha. Gaafa ilmoon dhalatte karaa shari’aatiin nikaaha godhatanii waliin jiraachuu ni dandayan.

Wanti as biratti hubatamuu qabu guddaan, ilmoon nikaaha dura dhalate sun abbaan hin yaamamu. Qabeenya isaatis dhaaluu hin dandayu. Sababaan qulqullina garaa isii beekuun barbaachiseef kana.

Namni osoo waan kana hin beekin eega zinaa godhee booda usee nikaaha godhate, amma tawbaa malee wanti irraa eeggamu hin jiru. Halkaniifi guyyaa Rabbitti booyanii Rabbii isaanii araarama kadhachuu qofatu isaan irraa barbaadama. Bultii teessan diigaa addaan yaa’aa jechuun hin barbaachisu. Bultii isaanii akkuma jiranitti itti haa fufan. Garuu dilii isaanii irraa haa tawbatan.

 

Gaafii: wanti aadaa keessatti barame tokko ni jira. Intalti takka zinaarraa yoo ulfooyte, maatiin intalaa salphina if oolchuuf daddafanii nikaaha godhan. Nikaan haala Kanaan godhame hoo akkami?

Deebisaa: kunis nikaaha san baaxila hin godhu. Nikeenni ulaagaa guuttatee yoo hidhame numa hidhama. Wanti shari’aan as biratti adda baasutti nu ajaje, ulfa zinaan argameefi ulfa nikaahaan argame adda baasuudha. Haala Kanaan osoo isiin ulfaan jirtu yoo nikaaha godhan, nikaan isaanii numa jira. Garuu daa’imni nikaaha dura argame sun abbaan hin yaamamu. Qabeenya isaatis dhaaluu hin danda’u jechuudha. Malee nikaan isaanii sirriidha.

 

Sheikh Muhammad Haamiddiin