header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

570: Jimaan Haraami moo halaali?

Estimated reading time: 2 min

Deebisaa: Waa’ee caatii irratti ulamaa’iin duriillee wal dhabaa turan. Ulamaa’iin ammaatis wal dhabutti jiran. Fuuldurallee wal dhabuun isaanii ni mala. Haga jimaan lafa jirtuun wal dhabbiin waan dhaabbatu natti hin fakkaatu. Wallaahu A’lam. Ulamaa’iin gariin jimaan haraami jedhan. Gariin halaali jedhan. Gariin haraamummaafi halaalummaan isii nuuf hin galle Irraa dhaabbanna jedhan. Wal dhabbiin ulamaa’ii haala kanaan jira.

 

Warri haraam jedhu maal qabatee haraam jedha?

Warri haraama jedhu dhimma kanarraa kitaaba katabee waa heddu dubbate. Jimaan waan sammuu nama jijjiiru, waan qaama namaa bakkarraa jijjiiru, waan qaama namaa fixu, waan aqlii namaa tartiiba Irraa fuudhee oliif gadi oofu, waan ibaadaa nama dhoowwu, waan mallaqa namarraa fixu jedhanii kitaaba barreessan. Namni Suusii/Araada jimaa qabu yoo waan jimaan qama’u dhabe, osoo ilmaan isaa mana keessaa beelawan, osoo jaartiin isaa mana keessaa rakkattu, inni waan qabu gurguratee jimaan qama’a jedhanii rakkoo jimaan namarraan geeysu heddu irraa dubbatan. Wantoota akkanaa daliila godhatanii jimaa haraam godhan. 

 

Warri Jimaan Halaala jedhu hoo maal qabatee halaal jedha?

Warri halaal jedhus ulamaa’ii yamanii fa’rraa warra hedduutu kitaaba katabe. Warra waa’ee isii hin beeynetu haraama jedha malee, nuuf faaydaa guddaa nuuf qabdi jedhanii kataban. Wayta jimaa qamaanu zikrii ittiin goona, kitaaba ittiin katabna, hojii ittiin hojjanna. Waa heddu ittiin goona jedhanii faaydaa jimaan qabdurraa dubbatan. Ammaas kana bira dabaree warri galii Guddaa ittiin arganna jedhus ni jira. Jimaa gurgurannee mallaqa guddaa ittiin arganna jedhan. Garuu dhimma mallaqaa kanarratti waan laalamuu qabutu jira. Wanti haraamiifi halaalis yoo gurguran mallaqa numa qaba. Wanti laallamuu qabu mallaqa isii gurguranii irraa argatan osoo hin Taane, bu’aa isii nyaachuun qabu tahuu qaba. 

 

Warri haraamummaafi halaalummaan jimaa nu dhibe jedhu hoo?

Ulamaa’iin dhimma jimaa kana dubbachuu didanii irraa of qabanis ni jiru. Haraam jechuuf daliilli qabatamaan dhiheessinee haraam jennuun hin jiru, halaala jechuufis miidhaa guddaa isiin ilma namaa Irraa gahaa jirtu argutti jirra. Kanaafuu dhimma kana irraa dhaabbachutu irra nuuf caala jedhanii irraa dhaabbatan.

 

Addunyaan guddatte hoo dhimma kanarratti maal jetti?

Biyyoonni gurguddatan (Warri dhihaa) jimaa akka hashiishaatti laalan. Yeroo dheeraaf qorannoo godhanii, hammeenya isii mirkaneeffatanii ofirraa dhoorkan. Namni jimaa biyya isaanii seensise yakkamaadha. Namni osoo qama’u argames yakkamaa taha. Kanaaf Seera baafatanii biyya ofii irraa dhoorkan. Haaluma wal fakkaatuun biyyoonni Muslimaallee kan jimaa ofirraa dhoorkan ni jiru. Fakkeenyaaf Sa’uudii fi Masr jimaan akka biyya isanii hin seenne dhoorkanii jiru. 

 

Yaada kiyyarraa yoo na gaafattan ammoo…

Jimaan miidhaa ni qabdii jettanii yoo na gaafattan; ee ni qabdi isiniin jedha. Miidhaa isiin qabdu hedduu argine. Gama birootiin namni jimaa qama’us hin jijjiiramne, kan yeroo hunda amala wal fakkaataa qabus ni jira. Kan yoo jimaa qama’u aqliin isaa bakkaa jijjiiramtus ni jira. Namni gariin yeroo jimaa qama’u waa balleessa ykn nama mufachiisa. Achi booda yoo mirqaanaan irraa gale “yaa boo dhiifama naaf godhi, reefuu mirqaanaan akkana si godhe” jedhee dhiifama nama gaafata. Gariin ammoo yeroo jimaa hin qama’in waa balleessa. Eegasii boodarra yeroo qama’ee mirqaane “Yaaboo dhiifama reefuu afaan hin kaayyannee saniif akkas si godhe” jedhee dhiifama gaafata. Kanarraa wanti hubannu, jimaan aqlii namoota garii jijjiiruu isii hubanna. Jimaan namoota akkanaa kana miidhutti jira.

 

Yaada xumuraa

Gabaabinaan namoonni dhimma jimaa kana keessatti fatwaa adda addaa dhageeysanii dhamaatan, waan asii olitti isinii Ibse kanarraa laalladhaa. Yaada kiyya qofatu sirriidhaa yaada kiyya jala deemi jechuun sirrii miti. Namuu aqlii waa addaan baasee ittiin hubatu badhaafamee jira. Kanaafuu yaada sadeenirraa kan si amansiise jala deemi siin Jenna. 

 

Sheikh Muhammad Waadoo

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 22
Views: 2424

Kanas dubbisi!

572: Rifeensa Arrii halluu gurraacha dibuun hayyamamaa?
559. Hojiin Dallaalummaa haraama moo halaala?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Comment

Back to top button