header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

572: Rifeensa Arrii halluu gurraacha dibuun hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nama osoo umriin hin gahin arriin itti heddummaatte, arrii san halluu gurraachaan dhoysuun akkamitti laallama?

Deebisaa: Waan gurraachaan arrii halluun dhoorgamaadha. Wanti kun manguddoota qofaafi moo dargaggoota umrii malee arraayaniifis dhoorgaadha waan jedhurratti, ulamaa’iin akka Ibnu Baaz faati, manguddootaafii dargaggootaafis dhoorkaadha jedhan. Namoonni rifeensa arraaye qaban; halluu gurraacha hin tahin ka birootiin ofirraa jijjiiruu mirga qaban. Gurraacha ofirraa dhiisutu gaariidha.

Sheikh Abdussalaam Xaahir


Fatwaa Ulamaa’ii Biyya Alaa

Hadiisa Jaabir Ibnu Abdallaah odeeyserratti: Abuu Quhaafaan gaafa Fathii Makka Rasuulatti dhufe. Yeroo sanitti rifeensi isaa akka Saakayyoo addaatee ture. Rasuulli Sallallaahu Aleyhi Wasallam “Rifeensa kee kana waa dibii jijjiiri, garuu gurraacha hin dibatin” jedhaniin. (Sahiih Muslim Hadiisa lakkofsa 3962)

 

Abdallaah Ibnu Abbaas (Radiyallaahu Anhu) akkana jechuun gabaase. Rasuulli Sallallaahu Aleyi wasallam akkana jedhan: “gaafa qiyaamaan dhihaattu, ummata rifeensa adii halluu gurraacha dibee Qoma Handarii fakkeessutu dhufa. Jarri sun hafuura jannataallee hin argan” jedhan.  (Sahiih al Jaamii Hadiisa lakkofsa 8153)

 

Hadiisa birootiinis akka gabaafametti, Rasuulli Sallallaahu Aleyhi Wasallam “Namni rifeensa arrii halluun jijjiiruu fedhu halluu fedhe haa fayyadamu, garuu gurraacha haa dhiisu” jedhan. Akka Abu Zarr gabaasetti; Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Halluun rifeensa arrii ittiin jijjiiran gaariin Hiinnaadha ykn Haanquudha” jedhan. (Tirmizii hadiisa lakkofsa 1675).

 

Haanquu jechuun firii muka heexooti. Namoonni gariin firii kana akka hiinnaatti fayyadamanii arrii ittiin diimessan.

 

Walumaa galattii rifeensa arrii halluu gurraachaan jijjiiruun dhoorkaadha (Haraama) Ragaan hadiisota asii olitti ibsine kana. Rasuulli (SAW) rifeensa arraaye qalama gurraachaan hin jijjiirinaa jedhanii ajajanii jiran. Namnia ajaja kana didee rifeensa arraaye qalama gurraachaan jijjiire ammoo hafuura jannataa hin argu jedhan. Seerri kun dhiiraafi dhalaafis wal qixa.

 

Garuu halluu gurraachaa fi qalama biroo walitti laaqanii yoo dibatan rakkoo hin qabu. Halluun gurraachiifi halluun biroo yoo walitti laaqame gurraacha hin jedhamu. Namni fedhe hiinnaafi qalama gurraacha walitti laaqee dibachuu mirga qaba jechuudha. Wanti dhoorkame halluu gurraacha qulqulluudha.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 760

Kanas dubbisi!

578: Afeerraa namni ribaa nyaatu qopheesserratti hirmaachuun danda’amaa?
570: Jimaan Haraami moo halaali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Ani Maqaan Koo Usmaan Muhammad Jedhama Gaafin Koo Akka Asii Gadiiti Fardi Halaalimoo Haraami? Jechuu Barbaade Akkasumas Waraabessi Hoo Akkam Halali Jedhamaa? Deebii Quusan Isinrraa Eegadha Galatoomaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button