Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

573: Jaarsi kiyya hin salaatu, yoo salaati jedhuun “situ na gorsaa?” jedhee naan lola.

Dhimma salaataa kana osoo itti hin heerumin dura hubachuu qabdi ture. Namoonni heddu eega bultii jaaranii booda yoo wal dhaban, waa’ee diinaa kana sababaa godhanii dhiheeyfatan malee, rakkoon isaanii waanuma biroo taha. Yeroo garii hijaaba uffachuu na dhoorka jetti, ykn hin salaatu jetti, ykn farshoo dhuga jetti. Haala Kanaan rakkoo heddu isarraa himti. Silaa waan kana amma eega itti heerumte ilmaan heddu irraa hortee booda osoo hin tahin, jalqaba osoo itti hin heerumin qorachuu qabdi ture.

Inni yoo salaata dide isiin gorsuu dirqama qabdi. Inni ammoo “Situ na gorsaa” isiin jechuun if tuulummaadha. Namni Muslimaa tokko akkana jechuu hin qabu. Ergamaan Rabbii (SAW) haadha manaa isaanii irraa gorsa fudhataa turan. Inumaa dhimma tokko tokkorratti namni isaan waliin marihatan warra manaa isaanii turan. Namni haadha manaa isaa wajji marihatee walii galee hin jiraanne jiruun isaa rakkoo keessa jirti. “Situ na gorsaa?” isiin jechuun isaa kuni wallaalarraa dhufe.

 

Gama gaafii isii yoo as deebine, namni salaata dhiise ni kafra moo hin kafruu irratti, ulamaa’iin bara durii irraa eegalee hanga ammaatti irratti wal dhaban. Hadiisa heddutu jira; namni salaata dhiise kafaruu isaa qajeelaan kan dubbatu. Ulamaa’iin gariin ‘Namni salaata dhiise ni kafara’ jechuun tun, kufriin tun kufrii Islaamummaa keessaa isa baastuu miti warra jedhutu jira.  Akka hundattuu wal gorsanii, dubbii walirraa fudhatanii gama karaa haqaa wal deebisutu irra caala. Yoo inni nama hin qajeelle tahe, yoo yeroo hunda gorsa isii kana fudhachuu didee salaata dide; isiin hiikkaa gaafachuu mirga guutuu qabdi. Kuni sababa Xalaaqaa ni taha. Kun bultii diiguudhaaf sababaa gahaadha. Namni waa’ee duniyaatiifuu addaan bahutti jira. Kun ammoo dhimma duniyaa hundarra caalu. Waan akkaan gudaadha. Jaarsi isii kun yoo guutumatti salaata didee gorsa isii fudhachuu dide, xalaaqa gaafattee nikaaha ofirraa buustee isaan adda bahu mirga guutuu qabdi.

Sheikh Muhammad Haamiddiin