Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

575: Osoo Jaarsi kiyya hin beekin, qabeenya isaa irraa haadhaa fi abbaa kiyya gargaaruu danda’aa?

Gaafii: Jaarsa kiyya dhoysee qabeenya inni qaburraa haadhaafi abbaa kiyya gargaaruu danda’aa?

 

Deebisaa: Yoo qabeenya dhuunfaa isii irraa gargaaruu feete isa hayyamsiisuun isiirratti dirqamaa miti. qabeenya isii irratti isimatu mirga guutuu qaba. Waan faaydaa hin qabnetti qisaastee balleessutu dhoorkame malee, maatii ofii ittiin gargaaruun mirga isiiti. Qabeenya abbaa warraa isii ammoo, hayyama isaa malee nama tokkoofis kennuu mirga hin qabdu. Haadhaafi abbaa isiillee hayyama isaa malee qabeenya isaatiin gargaaruun hin hayyamamu. Yoo inni nama akkaan harka jabaatu tahee isiin waan ilmaan nyaachiftu dhabdee rakkatte qofa, waan nyaataa dhugaatii qofaaf isii gahu isa dhoysitee fayyadamuu ni dandeessi. Kunis waan nyaataafi dhugaatii irratti daangeffama. Sunuu yoo inni akkaan harka jabaatee mallaqa baasuu dide qofa, isa dhoysitee waan nyaataafi dhugaatii isiifi ilmaan isiitiif gahu fayyadamuu ni dandeessi.

 

Kunummaanuu waan irratti daangeffamu qaba. Mallaqni fuudhe naaf hin gahu jettee daangaa dabruu hin qabdu. Qabeenya isaa dhoysitee waan fuudhuu dandeessu qofaaf jecha, waan achi dura mana san keessatti hin beekaamne soorata qaalii ittiin bituu hin qabdu. Qabeenya dhoysitee fuutuun waan maatiin isii nyaatee hin beeyne nyaachisuun hin taatu. Waanuma achi dura sooratan san qofarratti daangeffamuu qabdi.

 

Abbaa warraa akkanaatiif ammoo dhaamsi dhaamnu; Bultii jechuun jaarsaafi jaartiin walitti dabalamuu qofaa miti. dhiirri tokko intala takka yoo fuudhu maatii isii wajjiinis firoome jechuudha. Osoo isiin mana isaa keessa teessee maatii ofiitiif rarraatu, inni waan kana dantaa dhabuun waan gaarii miti. akkuma isii jaalatutti maatii isiitis jaalachuufii qaba. Yoo maatiin isii harka qalleeyyii tahanii rakkina qabaatan, inni qabeenya qabuun maatii isiitis gargaaree gammachiisuu qaba. Isiinis yoo humna qabaattee maatiin isaa rakkina qabaatan, qabeenya Rabbi isii kenneen maatii isaa gargaaruun waan jaalatamaadha. Haala Kanaan bultiin tolti. Walumaa galatti hawaasa keenya hundaaf tana dhaamna.

Sheikh Abdussalaam Xaahir