header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

576: Muslimaaf Irreecha dhaquun hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Irreecha; Namoonni tokko tokko irreechi aadaadha jedhanii deeman. Irreechi aadaa osoo hin taane amantaa akka tahe ni beekkama. Irreecha dhaquun akka amantaa Islaamaatti akkamitti laallama?

 

 

Deebisaa: Bismillaah, Alhamdulillaah Wassalaatu Wassalaam Alaa Rasuulillaah. Aadaan hundi bareedaadha jechuu miti. Aadaa gaaritu jira, Aadaan Amantaa biroo tahes ni jira. Amantii Islaamummaafi Kiristaanummaas hin tahin, kan osoo amantaan lamaan kun biyya tana hin dhufin dura namoonni itti amanaa turantu jira. Waan fedhanitti amanuun mirga isaaniiti. Garuu wanti kun amantii osoo hin taane, Aadaa ummata hundaati jedhanii dubbachuun dogongora.

 

Nutis akka Muslimaatti dhimma aadaa irratti waan irratti waliif gallutu jira. Bakki amantiin keenya irraa nu ittisus ni jira. Waaqeffattoota bira ayyaana garagaraatu jira. Fakkeenyaaf naannoo keenya ayyaana Booranticha jedhamutu jira. Naannoo biroo Ateetee waan jedhantu jira. Gara Oomoo yoo deemtan ammoo waan Talaahee jedhamutu jira. Amantaa duriitu jira. Kunis sanumarraa dhufe. Bakka ayyaanaa kanatti ibaadaa (Gabbartii) godhan qaban. Ibaadaan isaan godhan sun ija islaamaatiin yoo laallame Shirkii taha. Kanaafuu aadaa babbareedduu ummanni hundi walitti qabu yoo taate haa itti hirmaannu. Yoo Aadaa shirkii qabu tahe ammoo irraa fagaachuun dirqama taha. Irreechallee ijuma Kanaan laaluu qabna.

 

Sheikh Muhammad Haamiddiin

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 73

Kanas dubbisi!

601: Osoo Jaarsa Qabu Zinaa Godhe, Maaltu Narra Jira?
573: Jaarsi kiyya hin salaatu, yoo salaati jedhuun “situ na gorsaa?” jedhee naan lola.
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button