Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

578: Afeerraa namni ribaa nyaatu qopheesserratti hirmaachuun danda’amaa?

Gaafii: Namni tokko dhala/ribaa nyaachuun beekama. Yoo namni kun Jigii/Guuza/Daboo nama yaame, affeerraa isaa kanarratti hirmaachuun danda’amaa? Nyaata inni qopheesse hoo nyaachuun hayyamamaa?

 

Deebisaa: Namtichi kun qabeenyi isaa guutumattuu 100/100 dhala tahuun yoo beekame, isarraa nyaata nyaachuun haraama taha. Jigii isaa irrattis hirmaachuun hin hayyamamu. Nama akkanaa irraa fagaachuu barbaachisa.

 

Gama birootiin yoo namtichi qabeenya garagaraa qabaatee, qabeenya isaa keessatti waatu itti makameera dhalarraa jechuu shakkii qabaanne, ykn ammoo dhugamaan qabeenya isaa keessa ribaan jiraachuu yoo mirkaneeffanne, nyaachuun haraama jechuu hin dandeenyu. Hammi nama afeerameef dhihaatu sun halaalarraa tahuu mala.

 

Haa tahuutii waan akkanaa kana irraa fagaatutu irra caala. “Waan si shakkisiisu dhiisi” jedhe ergamaan Rabbii (SAW). Kanaafuu namni waan nama shakkisiisurraa yoo fagaate, diinii ofiitiif qulqullaahe jechuudha. Kanaafuu waan shakkii qabu irrumaa fagaachutu irra filatamaadha.

 

Sheikh Muhammad Haamiddiin