header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

580: Nama Budaan shakkamu Akkam godhan?

Estimated reading time: 3 min

Deebisaa Gabaabaa:

 

Ijji nama miidhuun dhugaa jirtu. Kun rakkoo dubartoota qofa bira jiru osoo hin taane, rakkoon tun warra dhiiraa birattis ni argamti. Akka Nabiin (SAW) nuu himanitti ijji ilma namaa waan garagaraa irratti nama miidhuu danda’a. Nyaatarratti, dhugaatirratti, bareedinarratti, qabeenyaa fi wantoota biroo irrattis ijji namaa nama miidhuu danda’a. Eegasuu namoota rakkoo akkanaa qabanii fi ija isaaniitiin nama miidhuu danda’an waan godhuufii qabnutu jira.

 

Deebisaa Sagalee

 

Islaamummaan wal gorsutti nu ajajji. Kanaafuu nama san duuba deemanii inni budaadha jechaa namoota biraatitti waa’ee isaa himuun dura isa gorsuutu barbaachisa. Namni gariin jaalatee waan tokko miidhuu danda’a. Nama akkanaa kana qabanii wanti kun sirraa haasawamutti jiraa, yoo waan tokko jaalattes naa kennaa jedhii gaafadhu jedhanii isa jajjabeessuun gaariidha.

 

Islaamummaan waan jiru cufaaf furmaata nuu laatteerti. Yoo danda’ame nama rakkoo kana qabu jalaa hancufa isaatis ta’e waan inni itti fayyadame fuudhaan ittiin of wal aanuun ni dana’ama. Namni rakkoo akkanaa ofirratti beekus maal akka godhuu qabus Ergamaan Rabbii (SAW) nu barsiisaniiru. Namni ijaan nama miidhuu danda’u waan tokko argee yoo jaalate, battaluma sanitti onnee isaatirraa, MAA SHAA ALLAAH jechuu isa barbaachisa. Yoo akkas godhuu danda’e ija isaa saniin nama miidhuu hin danda’u.

Dr Liwaa’ul Islaam

Fatwaa Ulamaa’ii biyya alaa

 

Ijji hamtuun (budaan) ijaan nama biraa miidhuudha. Sunis wayta namni tokko waan nama biraa jaalatu, miirri hamaan hinaaffaa irraa kan ka’e dhiibbaa isarratti godhuun akka nama kaan miidhu godha. Namni ijaan nama miidhu hundi nama hinaafuudha. Haa ta’u malee kan hinaafu hundi ijaan nama hin miidhu ykn budaa itti hin ta’u.

 

Jechi afaan araba kan Haasid ykn hinaafuu jedhu, jecha ayn ykn budaa jedhu caala jecha walii galaati. Lachuu of keessatti qabachuu danda’a. kanaafuu akkuma qur’aana keessatti suuratul falaq suuraa 113 aayaa 5ffaa irratti ibsametti, Nama nama hassadurraa, akkasumas nama hisdiin nama miidhurraa Rabbitti maganfatuu barbaachisa. Namni wayta nama nama hassadurraa maganfatu nama ijaan isa miidhurraallee walitti qabee maganfatuu irratti argama.

 

Ijji hamtuun xiyya onnee nama hassadurraa akkasumas nama ijaan nama miidhurraa darbatamtuudha. Xiyyi tun yeroo tokko tokko nama itti darbamte dhahuu dandeetti. Yeroo tokko tokko ammoo dhahuu dhabus malti. Namni ijji irra buufamte kun nama eegumsa hin qabne yoo tahe nama san miidhuu dandeetti. Namni ijji itti darbamte sun nama eegumsa qabu yoo tahe garuu, hamtuun darbamte sun nama isii darbe sanitti deebi’uu dandeetti.

Ragaa Hadiisaa

 

Hadiisa Bukhaarii fi Muslim keessatti ibsame keessatti “Ergamaan Rabbii (SAW) yeroo hunda ija hamtuu irraa of eeggannoodhaaf akka na gargaaruuf ruqyaa akka ofii godhu natti himaa turan” jechuun Aa’ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu nuuf dabarsiteerti.

 

Imaam Ahmad, Maalik, Alnasa’ii fi Ibnu Hibbaan Sahl ibnu Haniif irraa akka odeeysanitti; Sahl, ergamaa Rabbii fi sahaabonni gara Makkaa imalaa turan. Naannoo Al Jahfaa, bakka gaara Al Khahrar jedhamu gahanii dhaabbatan. Naannawa sanittis Sahl qaama isaa dhiqate. Nama gogaa adii bareedaa qabu ture. Amiir ibnu Rabii’ah, kan gosa Adiyy ibn Ka’ab irraa ta’e isa laalee, “Ani gogaa bareedaa akkanaa hin argine, gogaan dubra qarreetuu hagana hin bareedu” jedhe. Yeroo kanatti Sahl ni kufe.

 

Sahaabonni gara ergamaa Rabbii (SAW) dhaquun, “Yaa ergamaa Rabbii Sahliif waa godhuu dandeettaa? Mataa isaa ol qabachuu dadhabe” jedhanii itti himan. Ergamaan Rabbiitis (SAW) “dhimma isaarratti namni himattan jiraa?” jechuun gaafatan. Isaanillee, “Amiir ibn Rabii’aatu ijaan isa laale” jedhanii deebisan. Ergamaan Rabbiitis (SAW) Amiir waaman hedduu isaan lolan. “Isin keessaa tokko maaliif obboleessa isaa ajjeesa? Waan isinitti tolu yoo argitan, barakaa saniif Rabbiin isaaf kadhaa” jechuudhaan qeeqan. Itti aansuun, “isaaf dhiqadhu” jedhanii ajajan. Innis fuula, harka, ganaa, jilba, miila isaa akkasumas uffata isaa isa gara gadii jiru meeshaa keessatti dhiqe. Namni tokkos bishaan san fuudhaa Sahl irratti dhangalaase. Sahlilleen bakka kufee ka’ee ummatatti makame. San booda wanti hamaan hin mudanne. Hadiisa kana Albaaniin Al Mishkaat keessatti Sahiih jechuun ramade.

 

Muslimni Rabbii irratti amantaa jabaa qabaachuun, Isa amanuun, Isatti irkachuun, Isa kadhachuun, Suuraltul Ikhlaas, Suuratul Falaq, Suuratunnaas, Suuratul Faatihaa fi aayatal kursii qara’uun hamtuu sheeyxanaa fi hamtuu ilma namaarraa of eeguu qaba.

 

Sheikh Salah Al Munajjid

 

Ibsa Dabalataa

 

(Namni gariin ija hamtuu qabaachuusaa ofirratti hin beeku. Haatis jaalala irraa kan ka’e ilmoo ofii waraanuu dandeetti. Kanaafuu kun waan ilmi namaa beekkaan ofirratti hidhee miti. Namni ofirratti beekee ittiin nama miidhus jiraachuu mala. Furmaanni hunda caalaan Rabbirratti irkachuudhaan wantoota eegumsaaf nu gargaaran hunda taasisuudha. Namoota waan akkanaa irratti beeknu ammoo itti dhihaannee gorsuudhaan, ija isaanii namarraa akka eegan godhuu qabna. Battaluma waan tokko nama tokkorratti arganii jaalataniin saffisaan MAA SHAA ALLAAH jechuu akka qaban isaan barsiisuu barbaachisa. Haala saniin ija hamtuu irraa of eegaa namas eeguu dandeeenya.)

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1980

Kanas dubbisi!

588: Foon Kiristaanni qale Nyaachuun hayyamamaa?
576: Muslimaaf Irreecha dhaquun hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

4 Comments

  1. Assalamu aleykum warahmatullahi wabarakaatuhu nama budaan nama nyaatee shakkan tokko osoo isatti hin himin akkuma keessummaatti manatti yaamanii nyaataaf harka isaa qofa yoo dhiqanii bishaan san dhiqatan hoo akkami ammoo bishaan harka yeroo dhiqaniif nama biraa wajjiin yoo jiraatee bishaan namni kuun dhiqatesyoo itti makame hoo akkami ni taha moo?

  2. Jazakumullah keeyri
    Waan nu rakkiseef furmaata argachutti Jira ..
    Keeysattuu ummatta keenya baadiya daa’imman waljalaa dhoysuu qofaan beekkamu…
    Furmaata Isaa kunoo argadhee amma.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button