Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

585: Yoo Jaarsi “Sin Hiika” jedhe intalti ni hiikamtii?

Jaarsa kiyya dogongora hedduu irraa arkinaan wal dhabne. Innis dogongora san firratti beekee dhiifamallee na gaafate. Anu garuu dogongora isarraa arke san booda isa wajji jiraachuun natti hin tolle, kanaaf na hiiki jedhee gaafadhe. Achi booda innis hayyee ammaa miti warra keeysan irrattin si hiika naan je’e. siin hiika naan ja’ee ahdii naaf seenuun tun hiikkaa ja’amtii?

 

 

Deebisaa: Yaa Gabrittii Rabbii; Namni wal hin dhabne hin jiru. Arrabaafi ilkeellen wal dhooyti. Waan Rabbiin nikaahaan jabeesse diiganii wal facaasuurra, hamma dandayanitti waliif obsanii, karaa gaarii irratti toltuu walii yaadanii wajji jiraachutu irra caala. Yoo nama kana dhiistee deemtee nama birootti heerumuu feetes, namni itti heerumuu deemtu malaa’ikaa miti namuma akka isaati. Ilmi namaa hundi numa dogongora. Kanaafuu waliif obsuutu irra isiniif caala.

 

Gama gaafii keetiitti yoo deenine, inni warra keeysan irrattin si hiika siin jechuun hiikaa miti. si hiikuuf baallama siif seene malee sin hiiyne. Akkuma nama waan takka siifin kenna siin ja’uuti. Namni wahin siif kenna siin ja’e baallama siif seene malee waan san siif hin kennine. Gabaabinaan siin hiika jechuun hikkaa hin ja’amtu.

 

Dr. Liwa’ul Islaam