Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

587: Jaartii Faskii of goote (gaa’ela diigde) deebifachuun danda’amaa?

Gaafii: Jaartiin tiyya bakka jirtu gaa’ela keenya Faskhii goote (diigde). Amma ammoo natti deebi’uu feetii danda’amaa?

 

Deebisaa: Namoonni gariin jaartii ofii biyya kaayanii, akkanumaan mallaqa qofa itti erguudhaan waan isii jiraachisan of sehan. Manaa fi nyaata yoo argatte gahaadha jedhanii yaadan. Kun dogongora guddaadha. Yoo walii galteen keessan jiraate rakkoo hin qabu. Waggaa haga barbaadde jiraachuu mirga qabda. Haa ta’u malee isiin kophaa jirtu jiruun ta’uufii dinnaan yoo Faskhii barbaadde akkasumas Khul’ii taatus mirga guutuu qabdi. Namoonni haala Kanaan gaa’ela haqan ykn diigan Maharii haarayaan walitti deebi’uu danda’an. Eega Faskhii fudhatteen (gaa’ela haqxeen) booda nama biraatitti heerumuun dirqamaa miti. Walii galteen jiraannaan, Mahrii haarawa kennee deebifatuu ni danda’a. Dubartoonni waa’ee Faskhii, Khul’ii fi Xalaaqaa sirritti adda beekuu isaan barbaachisa.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa ulamaa’ii biyya alaa

 

Xalaaqa (hiikuu) fi Fask (bultii haquu, diiguun) garaagarummaa qaban. Xalaaqni jecha baramaa fi beekkamaa ta’e fayyadamuun kan abbaan manaa nikaya haadha warraa isaa irraa buusuudha. Xalaaqa keessatti fedhiin abbaa warraa barbaachisaadha.

Faskhiin Maali?

 

Faskhiin (haquun ykn diiguun) ammoo walii galtee gaa’elaa guutumaan guututti addaan kutuudha. Akka waan san dura gaa’elli hin jirretti adda bahuudha. Bakka Faskhii kanatti dubbiin abbaa warraa barbaachisuu dhabuu danda’a. Qaadiinis Faskhii godhuu ni danda’a.

Dubartiin takka yoo abbaa warraa isii irraa gammachuu hin qabaanne, walii galuu yoo dhaban, abbaan warraa yoo amantii gad lakkisee kafare, yoo wal amantaan jidduu isaaniitti dhabame, yoo abbaan warraa hiyyoomatee bulchuu dadhabe, yoo qaamarratti mudaan argameefi sababaa kanniinitti dhihaataniif dubartiin takka Faskhii of godhuu dandeetti.

Faskhiin akka xalaaqaatti hin laakkawamu. Namni tokko Faskhii takka fudhannaan walii galteen gaa’ela sanii akka waan hin jirretti addaan diiggama. Wanti iddaa jedhamus hin jiraatu. Namni Faskhii wal godhee yoo walitti deebi’uu fedhe, akka haarawaatti mahriin kennamee nikaahni hidhama.

Xalaaqni Maali?

 

Xalaaqni ammoo gaa’ela san addaan diiguuf tartiiba qaba. Namni takka xalaaqe, yeroo isaa eeggatee si deebifadhe jechuu danda’a. bakka kanatti funyoon gaa’elaa guutumaan guututti hin citu. Haa ta’u malee eega sadihiin xalaaqeen booda deebifachuu mirga hin qabu. Isiin iddaa ofii eeggattee nama biraatitti heerumuu qabdi. san booda yoo nama san hiikte ammas iddaa lakkaawwattee abbaa warraa duraatitti deebi’uu dandeetti.

Yaada Ulamaa’ii

 

Imaam Ash-Shaafii “Faskhiin namoota lama jiddutti raawwatamu akka xalaaqaatti hin laakkawamu.”

Ibn Abd al-Barr “ Garaagarummaan Faskhii fi Xalaaqaa, lachuu waahela jireenyaa addaan baasuullee ta’u, yeroo Faskhiitti walitti deebi’uu yoo barbaadan, akka nama haarawa wal fuudhaa jirutti Mahriin kennamee wal fuudhan. Xalaaqni isii sadanis jalaa hin tuqamu. Ammoo Yoo xalaaqamtee deebifachuu barbaade garuu, akka haarawaatti osoo hin taane, akkanumaan deebifachuu danda’a. Garuu Xalaaqa lamatu isiif hafa.”

Guduunfaa

 

Dubartiin takka Faskhii of godhuu ni dandeetti. San booda yoo deebifachuun barbaachise ammoo akka haarawaatti mahrii haarawa kennanii nikaya haarawaan hidhuun ni danda’ama. Iddaa eeggachuun hin barbaachisu.