Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

594: Osoo Abbaan Jiru Obboleessi Xiqqaan Nikaah Godhuu Danda’aa?

Gurbaan tokko intala takka jaalatee fuudhuu barbaade. Achi booda obboleessa xiqqatti dhaqee nikaah na godhi jedheen. Obboleessi xiqqaan nikaah godhuu dandayaa?

 

 

Deebisaa Gabaabaa:

Obboleessi xiqqaan nikaaha godhuu ni dandaya. Garuu abbaa irraa hayyama argachuu qaba. Iznii abbaa malee nikaaha godhuu hin dandahu.

 

Deebisaa Ulamaa’ii Biyya Alaa

 

Dubartiin takka hayyama maatii isii malee heerumuu hin dandeeysu. Osoo maatiin isii hin hayyamin yoo karaa birootiin nikaaha godhatte, nikaan isii fudhatama hin qabu. Kana ulamaa’iin hundi irratti waliif galanii jiru. ImaamuShaafi’ii, Imaamu Maalik fi Imaam Ahmad kanarratti waliif galan. Kanaaf ammoo ragaa hadiisaa sahiihaa dhiheeysan.

 

Rasuulli (SAW) akkana jedhan “Hayyama maatii intalaa malee nikaan hin jiru”

 

(Tirmizii 1101, Abuu Daawuud 2085, Ibn Maajaah 1881) Imaam Albaaniin Sahiihummaa Hadiisa kanaa mirkaneessee jira.

 

Gama birootiin maatiin isii waan shari’aa biratti fudhatama hin qabneef yoo nikaaha godhuu didan; fakkeenyaaf Gosa gurbaan irraa dhalateefi naannoo inni irraa dhufe jibbanii, ykn qabeenya guddaa hin qabu jedhanii yoo nikaah godhuu didan furmaanni lafa kaayamee jira.

 

Yoo Abbaan sababaa shari’aa biratti fudhatama hin qabneef nikaaha godhuu dide, Abbaan Abbaa ykn akaakayyuun intalaa nikaaha godhuu mirga qaba. Yoo Akaakayyuun hin jiraanne, Obbooleessi isii nikaaha godhuufii ni dandaya. Haala Kanaan nama itti aanutti dabraa deema. yoo maatiin isii guutuun walii galanii sababaa shari’aa biratti fudhatama hin qabneef nikaah godhuu didan, Qaadii bira dhayxee nikaaha godhachuu mirga guutuu qabdi.

 

Intalti takka yoo nama tokko jaalattee itti heerumuu feete, maatiin isii eenyummaa nama sanii qoratuu qaba. Yoo namni sun nama diin qabu tahe, yoo mana carraaqatu tahe, yoo nama amala hamaan himamu tahuu baate, intala ofii itti heerumsiisuu qaba. Yoo inni nama diin hin qabne ykn nama haala badaa qabu tahe diduu mirga qaba. Bakka kanatti mirga maatiitu kabajama.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid