header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

597: Horii wayta qalan osoo hin du’in mataa irraa muruun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nu bira namoota tokkotu jira. wayta horii qalan osoo hin du’in mataa irraa muran. kun akkamitti laallama?

 

 

Deebisaa: Islaamummaan qalma horii irratti seera ajaa’ibaa qabdi. Namni horii qalu ykn gorra’u ablee ykn sibiila ittiin halaalchu haalaan qarachuu qaba. Akkasumas horii lama wal biratti qaluun dhoorkaadha. Tokko qalanii kaan ammoo haadaan hidhanii bira dhaabuun hin ta’u. Akka wal hin agarre walirraa fageessuu barbaachisa. Horii eega qalaniin boodas haga lubbuun keessaa baatu eeguu barbaachisa. Akkuma qalaniin gara mummuruutti seenuun daangaa bahiinsa. Nabiin keenya SAW “Rabbiin waa cufarrattuu tolina oole, wayta waa qaltan qalma keessan tolchaa” jedhan. Kanaafuu horii osoo hin du’in muruun islaamummaa keessatti dhoorkaadha. Sadarkaa haraamiitti dhihaata. Irraa fagaachuu qabna. Eega qalaniin booda haga lubbuun keessaa baatutti obsuun barbaachisaadha.

 

Dr. Liwaa’ulislaam


 

 

Fatwaa biyya alaa

Muslimoonni yoo waa qalan maaliif uumamaalee cinqan? Maaliif yeroo takkaan dhayanii gaggabsanii hin ajjeesne? Jedhanii gaafatuun waan haalaan barameedha. Akka waan qalmi islaamummaadhaa bineensota dararaa jirutti fudhatan. Haa ta’u malee kun dogongora guddaadha. Akkaataan islaamummaan qalma itti barsiiste irra rahmata qabeessa. Nuti Muslimoonni yoo waa qallu; kokkee, ujummoo dhiigaa fi ujummoo qilleensaa kutna. Kana bira dabarree lafee dugugguruu dugdaa ykn Spinal Cord hin tuqnu.

 

Lafee dugugguruu dugdaa (Spinal Cord) yoo cabsine ykn murre, onneen uumama sanii ni dhaabbatti. Akkasumas narviiwwan gara Onnee dhaamsa geessanis ni miidhamu. Kun ammoo akka dhiigni qaama keessatti ititee hafu taasisa. Akkaataa shari’aa islaamummaa fayyadamnee kokkee, ujummoo dhiigaa fi ujummoo qilleensaa yeroo murrutti onneen dhahatuu hin dhaabdu. Kanaafuu dhiigni hedduminaan qaama uumamaa san keessaa dhiibamee baha.

 

arraan tana saayinsiin akka nutti himutti, dhiigni karaa baakteeriyaa fi jarmiin ittiin deddeemuudha. Kanaaf jecha nuti muslimoonni qulqullinaaf xiyyeeffannaa duraa waan kenninuuf dhiigni xuraawaan qaama keessaa qulqullaawee akka bahu taasifna. Wayta dhiigni qaama keessaa bahu, jarmiiwwan, baakteeriyaaleenii fi xuriiwwan birootis qaama keessaa ni bahu. Kanaaf jecha namni foon san soorate carraan dhibeedhaan qabamuuf qabu haalaan xiqqaadha.

 

Dabalataan wayta qalmaatitti kokkee, ujummoo dhiigaa fi ujummoo qilleenssaa murrutti, narviin gara sammuu seenuufi akka dhukkubbiin akka itti dhagahmu kan taasisu ni murama. Kanaafuu uumama san dhukkubbiin tokkollen itti hin dhagahamu. Yeroo sanitti uumamni qalame sun dhidhiitatuu danda’a. wanti dhidhiitatuuf dhukkubbiin itti dhagahamee osoo hin taane, dhiiga qaama keessaa dhiibee baasuudhaaf dhidhiitata. Haala Kanaan uumamni sun du’a nagayaa du’a jechuudha. Kanaafuu akkaataan qalma islaamummaadhaa karaa filatamaadha. Foon bifa Kanaan gorra’ame dhiiga waan hin qabneef yeroo dheeraaf turuu danda’a.

 

Dr Zaakir Naayik

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 575

Kanas dubbisi!

664: Hoteela foon booyyee itti gurguramu keessa hojjachuun akkami?
596: Garbuu Oomishanii Warshaa Biqilaatti Gurguruun Hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button