Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

600: Sifuudha jedhee maallaqa irraa nyaadhee dhiise, maallaqa deebisuufiin narratti dirqamaa?

Gaafii: Dubartii biyya Awrooppaa jirtu takka wajji walfuudhuuf bilbilaan waliin haasayaa turre. Jidduma kanatti maallaqa naaf ergitee turte. Boodarra haala isii yoo qoradhu waan naaf hin taane argee fuudhuu hin barbaanne ni dhiise. Maallaqa deebisuufiin narratti dirqamaa?

 

 

Deebisaa: Horii isii deebisuun sirratti dirqama. Sababni isaa maallaqa kana sifuudha jettee waan waadaa galteef malee firummaadhaaf siif hin ergine. Rabbiin (Subhaanahu wata’aalaa) akkana jedha Horii keessan kijibaan jidduu keessanitti hin nyaatinaAl-Baqara -188

 

intalti wanti horii siif kenniteef akka fuutuuf ture; ati immoo fuudha ni dhiifte. Kanaaf, horii isii kan sifuudha jettee waadaa galteefii irraa nyaatte galchuun sirratti dirqama taha.

 

Sheikh Abdurrahmaan Shariif